Tamsaasa Kallatti:

Finfinneen sadarkaa idil addunyaatti haala dorgomaa ishee taasisuun ariitiin guddachaa jirti.

Hagayya 29/2016 (TOI) - Finfinneen sadarkaa idil addunyaatti haala dorgomaa ishee taasisuun ariitiin guddachaa jirti jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee.

Formaniin magaalota Afrikaa kan jalqabaa har'a magaalaa Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adwaatti eegalameera.

Foramii kanarratti biyyoota Afrikaa fi kanneen biroorra namoonni hedduun hirmaataniiru.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee foramii kanarratti haasaa taasisaniin Itoophiyaan bakka argama sanyii dhala namaa qofa osoo hin taane biyya sochiin Paan Afrikaa itti dhalate ifa bilisummaa ta'uu ishee eeranii; bakki har'a itti walgeenye kunis yaadannoo bu'aa kanaaf akka ta'u galma qophaa'ettidha jedhaniiru.

Magaalichatti hoggansa ministira muummee fi hoggantoota bulchiinsa magaalichaan hojiiwwan misooma hedduun hojjetama jirachuu himaniiru.

Humna mootummaa fi uummataa bakka tokkotti qindeesuun magaalaa jijjiruu fi misoomsuun akka danda'amu mirkaneesineerra jedhaniiru.

Magaalichatti waggoottan darban nama irratti xiyyeeffachuun hojii hojjetameen lammileen fayyadamoo ta'uu himaniiru.

Misooma koriidarii, nyaata barattootaa fi hawaasaaf dhiheesuu, hojiiwwan damee adda addaan dubartoota fayyadamoo taasisuuf hojjetaman qabatamaan lammilee fayyadamoo taasisaa jiru jedhaniiru.

Hojiiwwan kanneeniin lammileen hedduun carraa hojii argachuus himaniiru.

Magaalaan Finfinnee haala aja'ibaan jijjiramuun sadarkaa idil addunyaatti dorgomtummaa ishee guddisaa jirtis jedhaniiru.

 

 

 
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015