Ambaasaaddar Taayyee Atsiksilaaseen Ministira Dhimma Alaa Liibiyaa Al-xaahir Al-bowir waliin mari'ataniiru. - ENA Afaan Oromoo
Ambaasaaddar Taayyee Atsiksilaaseen Ministira Dhimma Alaa Liibiyaa Al-xaahir Al-bowir waliin mari'ataniiru.

Hagayya 29/2016 (TOI) - Ministirri Dhimma Alaa, Taayyee Atsiksilaase yaa’ii Ministiroota Afriikaa-Chaayinaa 9ffaa Chaayinaatti gaggeeffamaa jiru cinaatti,, Ministira Dhimma Alaa fi eggataa ministira tumsa Idil-addunyaa Liibiyaa Al Xaahir AL-bowir waliin mari’ataniiru.
Hariiroo Itoophiyaa fi Liibiyaa daran cimsuu fi dhimmoota waloo biyyoota lamaanii irratti mari’achuun isaanii eerameera.
Marii kanaan tumsa diinagdee biyyootaa lamaanii karaa daldalaa, invastimantii fi waljijjiirraa aadaatiin cimsuuf mari'ataniiru.
Kana malees, dhimma nageenyaa irratti waliin hojjechuu fi hariiroo dippilomaasii isaanii cimsuuf mari’achuu isaanii odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa ni mul’isa.