Istaadiyeemiin idil addunyaa Bahaar Daar akkaataa sadarkaa Fiifaa guutuun hojiiwwan xumuraa hojjetamaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Istaadiyeemiin idil addunyaa Bahaar Daar akkaataa sadarkaa Fiifaa guutuun hojiiwwan xumuraa hojjetamaa jiru

Hagayya 27/2016(TOI)- Istaadiyeemiin idil addunyaa Bahaar Daar akkaataa ulaakaa Fiifaa guutuun hojiiwwan xumuraa hojjetamaa akka jiru ministirri aadaa fi ispoortii Shawiit Shaankaa ibsan.
Ijaarsa Istaadiyeemchaaf mootummaan deegarsa akka taasisu ministirittiin himaniiru.
Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa fi hooggantoonni mootummaan olaanoon Istaadiyeemii idil addunyaa Bahaar Daar daawwataniiru.
Ulaagaalee Fiifaa karaa guutuun qulqullinaa hojiin xumuraa hojjetamaa akka jirus ibsaniiru.
Istaaditeemichi sadarkaa idil addunyaa guutee akka xumuramu mootummaan naannoo Amaaraa bajata olaanaa ramaduu fi xiyyeeffannaa addaa kennuun hojiin hojjetaa jiru kan dinqisiifamuu fi kanneen biroofis fakkeenya kan ta’udha jedhaniiru.
Istaadiyeemichi tuurizimii Ispoortii fi dinagdee naannichaa guddisuu akka danda’u himaniiru.
Istaadiyeemii Bahaar Daar dabalatee mootummaan federaalaa ijaarsa Istaadiyeemota biroof deeggarsaa fi hordoffii barbaachisu akka taasisus ministirittiin ibsaniiru.
Akka lakkoofsa Awurooppaa bara 2029 Itiyoophiyaan Waancaa Afriikaa 37ffaa qopheessuuf karoorsuushee kan eeran ministirittiin, dorgommii kana keessummessuuf Istaadiyeemonni sadarkaasaanii eegan nubarbaachisu jedhaniiru.
Istaadiyeemota jalqabamanii dhaabatan xumuruuf karoora qabame milkeessuuf murteessaa ta’uu eeranii kanaaf ammoo xiyyeeffannoo qooda fudhattoota hundaa akka gaafatu hubachiisaniiru.
Ministirri aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa mooraa Istaadiyeemii idil addunyaa Bahaar Daar keessa ashaaraa magariisaa kaa’uusaanii odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’isa.
Hojiin xumuraa Istaadiyeemii Bahaar Daar ulaagaa Fiifaa karaa guuteen birrii biiliyoona tokkoon hojiin xumuraa hojjetamaa jira.
Qaama boqonnaa lammaffaa Istaadiyeemichaa kan ta’e hojiin xumuraa fooyyessa qulqullina dirree, kutaa keessummaan itti simatamu, teessoo maxxansuu, galma walgahii fi kanneen biroos nihojjetamuuf.