Hojiileen misooma qonnaa Raayyaa ittisa biyyaatti miseensota raayyaa ajajajaan bahaatiin  daawwatamaa jira

Hagayya 25 /2016 (TOI)- Hojiileen misooma qonnaa lafa heektaara 220 irratti misoome Raayyaa ittisa biyyaatti miseensota raayyaa ajajajaan bahaatiin  daawwatamaa jira

Daawwannaan kun ayyaana hundeeffama ajaja bahaa waggaa 47ffaa sababeeffachuun yoo ta’u qondaaltonni loltuu olaanoo fi miseensonni  ajajichaa daawwannicharratti argamaniiru.

Misingaan, Boqqoolloon, Bunni, shunkurtiin, avokaadoo fi muduraa fi muduraan biroon Godina Harargee Bahaa aanaa Baabbileetti lafa heektaar 220 irratti raayyaadhaan misoomaa akka jiru beekameera.

Miseensonni ajajichaa birmadummaa fi nageenya biyyaa eegsisuun cinaatti hojii misooma qonnaatiinis hojii onnachiisaa raawwachuunsaanii daawwanicharratti ibsameera.

Hojiin misooma qonnaa kun hawaasa naannawaa hedduuf carraa hojii uumuurra darbee oomisha gatii madaalawaan gabaa baasuun gabaa tasgabbeessuuf deeggaraa akka jiru eerameera.

Ajajaan itti aanaa ajaja bahaa Meejer Jeneraal Fiqaaduu Tsaggaayee fi qondaaltonni waraanaa olaanoon, bulchaan itti aanaa godina Harargee bahaa obbo Ayyaaleewu Taakkalaa akkasumas qorattoonni damee qonnaa fi keessummoonni biroon daawwannicharratti qrgamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015