Itoophiyaan haalota nageenya biyyaalessaa ishee balaaf saaxiluu danda’an hunda dammaqinaan hordofaa jirti

Hagayya 22/ 2016 (TOI)-Itoophiyaan haalota nageenya biyyaalessaa ishee balaaf saaxiluu danda’an hunda dammaqinaan hordofaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa ibse.

Ministeerri Dhimma Alaa haala yeroo Naannawaa Gaanfa Afrikaa ilaalchisuun ibsa baaseera.

Somaaliyaatti haalli caaseffama ergama nagaa haaraa Ergama Ce’umsa Gamtaa Afrikaa, Naannawaa Gaanfa Afrikaarratti yaaddoo haaraa uumuun Itoophiyaa kan yaaddessu ta’uu ibseera.

Ibsoonni maqaa gaarii fi wareegama Raayyaa Ittisa Biyyaa faalan walitti fufiinsaan wayita kennaman Itoophiyaan callistee akka ilaaltuuf fedhiin qaamolee tokko tokkoo biratti akka mul’atu ibseera.

Qooda fudhattoonni biroon naannoo Gaanfa Afrikaa tasgabbii dhorkuuf wayita tarkaanfii fudhatan Itoophiyaan callistee kan hin ilaallaee ta’uu kan ibse ministeerichi, sababa kanaan haalota nageenya biyyaalessaa ishee balaaf saaxiluu danda’an hunda dammaqinaan hordofaa jiraachuu eerera.

Itoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii Somaaliyaa fi naannwichaa mirkaneessuuf, guddina waloo fi hariiroo cimaa ummatootaa naannawichaa giduu daran cimsuuf tattaaffi walirraa hincinnee taasisaa turuu yaadachiisera.

Itoophiyaan mootummaa Somaaliyaa waliin waldhabdee yeroo ammaa mudate furuuf waltajjiiwwan marii qophaa’an irrattis dammaqinaan hirmaachuu eeruun, mariiwwan gaggeeffaman kanneenirratti bu’aan qabatamaan mul’achuu ibseera.

Mootummaan Somaaliyaa tattaaffii nagaa kana cimsuu mannaa, humnoota alaa naannicha tasgabbii dhorkuu barbaadan waliin hojjechaa jiraachuu hubachiiseera.

Ergama nagaa eegsisuu haaraa Somaaliyaatti bobbaasuuf yaadame qopheessuu fi eeyyamuuf qaamoleen itti gaafatamummaa qaban hundi, biyyoonni naannawichatti argamanii fi duraanuu loltootaa kan gumaachanii yaaddoowwan jiran hundaaf xiyyeeffannaa kennuu qabu jedheera.

Humnoonni dantaa yeroo gabaabaa fi kaayyoo bu’aa hinqabneef, naannawichatti muddama uumuuf yaalan gochaan isaanii rakkoo hordofsuu maluuf itti gaafatama fudhachuu akka qaban himeera.

Kanaan dura gareewwan shororkeessitootaa ardichaa fi idil addunyaarratti tarkaanfii fudhatameen bu’aa jajjabeessaa argaman gochaalee balaarra buusanii fi quucarsan Itoophiyaan kan obsiisan akka hintaane eereera.

Itoophiyaan garaagarummaa karaa nagaa hiikuu fi nageenyaa fi tasgabbii naannawichaaf ummata Somaaliyaa fi hawaasa addunyaa waliin ta’uu hojjechuu fi balaawwan aggaamaman ittisuuf kutannoo qabaachuu ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015