Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa sirreeffamtoota seeraa kuma 3 fi 611f dhiifama taasisan

Hagayya 22/2016 (TOI)- Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa sirreeffamtoota seeraa kuma 3 fi 611f dhiifama taasisan.

Biiroon abbaa alangaa naannichaa dhimmicharratti ibsa kenneen seerarratti hundaa’uun naannichatti dhiifamni taasifamuusaa ibsaniiru.

Abbaan alangaa waliigalaa naannichaa obbo Guyyoo Waariyoo ibsa kennaniin,boordiin dhiifamaa naannichaa sadarkaadhaan qulqulleessuun pirezidaantiif dhiheessuun sirreeffamtoota seeraaf dhiifama taasiseera.

Sirreffamtoota seeraa dhiifamni taasifameef keessaa dhiirri kuma 3 fi 334, dubartiin 247 akka ta’an himaniiru.

Kanneen dhiifamni taasifameef turtii mana sirreessaatiin amala gaarii argarsiisuun fi adabbiirraa barachuusaanii qaama dhimmi ilaaluun mirkanaa’uusaa kaasaniiru.

Sirreeffamoota guddattoota ta’anii yeroo itti murtaa’e kurmaana kan xumuran fi daa’ima qabatanii mana sirreessaa kan jiran fi dubartoonni ulfaa kanneen dhiifamni taasifameef keessatti argamu.

Dabalataanis maanguddoonni umuriinsaanii waggaa 60 ol ta’ee fi hidhaan umurii guutuu itti murtaa’ee kanneen waggaa 10 ol mana sirreessaa turaniif dhiifamni taasifamuusaa dubbataniiru.

Kanneen murtiin du’aa itti murtaa’e, irra deddeebiin yakkarratti kan hirmaatan, yakkoota saamichaa malaammaltummaa fi dirqisiisanii gudeeduurratti hirmaatan dhiifamni akka hingodhamneef himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015