Itoophiyaatti misooma Konkolaata Elektirikii irratti dameen dhuunfaa bal'inaan akka hirmaatu deeggarsi taasifamu cimee itti fufa. - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaatti misooma Konkolaata Elektirikii irratti dameen dhuunfaa bal'inaan akka hirmaatu deeggarsi taasifamu cimee itti fufa.

Hagayya 22/2016(TOI) - Itoophiyaatti misooma Konkolaata Elektirikii irratti dameen dhuunfaa bal'inaan akka hirmaatu deeggarsi taasifamu cimee itti fufa jedhame.
Abbaan Taayitaa Boba'aa fi Inarjii agarsiisa torbee daldalaa sadarkaa biyyatti taasifamu sababeeffachuun '' Dinagdee magariisaa dhugoomsuuf gahee konkolaataa Elektirikii'' mata duree jedhuun mariin paanaalii geggeessera.
Marii kana cinaattis dhaabbilee fi kubbaaniyyaawwaan humna qusachuurratti raawwii gaarii qabanii fi tekinolojii dijitaalaa fayyadamuun gurgurtaa raawwataniif beekamtiin kennameera.
Marii Paanaalii kanarratti Ministirri Daldalaa fi Walitti hidhamsa naannawwaa Doktar Kaasaahuun Goofee, daarektara olaanaa Abbaa Taayitaa Boba'aa fi Inarjii Saharaalaa Abdulaahii, ministir deetaawwanii fi qaamoleen qooda fudhattootaa argamaniiru.
Marii kanarrattis fayyadamummaan konkolaataa elektirikii Itoophiyaatti sadarkaa maaliirra akka jiru, rakkoowwan mudachaa jiranii fi tarknaafiiwwaan furmaatarratti xiyyeeffachuun mari'atameera.
Daarektarri olaantuu Abbaa Taayitaa Bobaa'aa fi Inarjii Saharallaa Abdulaahii marii kanarratti; dinagdee magariisaa Itoophiyaa dhugoomsuuf Abbaan Taayitichaa gaheesaa bahachaa jira jedhaniiru.
Qorannoo irratti hundaa'uun Konkolaattoonni Elektirikii bal'inaan hojiirra akka oolan akkasuma qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechuun dhimma xiyyeeffannoon irratti hojjetama jirudha jedhaniiru.
Ijaarsa bu'uuraalee misoomaa bal'inaan raawwachuun konkolaattoota Elektirikii bal'inaan hojiirra oolchuun murteessa ta'uu eeranii; kanaafis muuxannoo biyyoota adda addaa fudhachuun gara hojiitti galameera jedhaniiru.
Abbaan Taayitichaa damichi adeemsa taarifa gadaanaa akka qabatu taasisuu diriirsuun damee dhuunfaa jajjabeesuuf hojjecha jira jedhaniiru.