Damee Indastirii Oomishaan dureeyyoota kaappitaalaa birrii biliyoona 200 galmeessan simachuun danda'ameera - ENA Afaan Oromoo
Damee Indastirii Oomishaan dureeyyoota kaappitaalaa birrii biliyoona 200 galmeessan simachuun danda'ameera
Hagayya 22/2016(TOI) - Bara bajataa 2016 damee indastirii oomishaarratti dureeyyoota haaraa kaappitaala birrii biliyoona 200'tti dhihaatu galmeessan simachuun danda'amuu Ministeerri Indastirii beeksise.
Ministeerichi raawwii hojii bara bajataa 2016 fi karoora bara 2017 irratti magaalaa Hawaasaatti mari'ateera.
Ministir Deetaan ministira Indastirii obbo Taarreqeny Bulultaa TOI'tti akka himanitti; Itoophiyaan damee indastirii oomishaarratti yeroo gara garootti milkaa'ina gaarii galmeessaa jirti.
Kana cimsuuf tarsimoon addaa qophaa'ee xiyyeeffannoo addaan irratti hojjetamaa jirachuu himanii; hojiin kumis bu'aa buusaa jirachuu himaniiru.
Kanaanis bara bajataa darbe sosochii taasifameen dureeyyoota biyya keessaa fi alaa kuma 1 fi 109 kan kaappitaalaa birrii biliyoona 200 ol galmeessan simachuun danda'ameera jedhaniiru.
Kunis damee indastirii oomishaarratti carraawwan qabnu fayyadamuun kanaan ol guddisuun guddina biyyaa keessatti gahee isaa akka bahu ni hojjetama jedhaniiru.
Gaheen damee indastiriin oomishaa guddina biyyaa keessatti kanaan dura qabus cimaa ta'uu eeranii kana caalaatti guddisuuf akka hojjetamus himaniiru.
Kanaafis invastimatii dabalataa simachuu fi hanga oomishuu indastiriiwwanii dabaluuf ni hojjetama jedhaniiru.
Damicharratti guufuu kanneen ta'an kanneen akka dhiheesii humnaa,hanqina galteewwanii fi humna nama leenji'ee furuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uus eeraniiru.
Humana nama baratee kan Yuunivarsiitii fi koollejjoota keessa jiran fedhii indastirii irratti hundaa'uun leenjisuu fi gahoomsuun akka barbaachisu himaniiru.
Kanaafis Yuunivasiitonni fi koollejjoonni, abbootiin qabeenyaa indastirii akkasuma jiddugaloonni qorannoo xiyyeeffannoon akka irratti hojjetan ni taasifama jedhaniiru.
