Qabxiin qormaataa kutaa 8ffaa naannoo Tigraayitti ifoome - ENA Afaan Oromoo
Qabxiin qormaataa kutaa 8ffaa naannoo Tigraayitti ifoome

Hagayya 22/2016(TOI)- Qabxiin qormaataa kutaa 8ffaa naannoo Tigraayitti ifoome.
Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayitti daarektarri ejensii mirkaneessaa qulqullina barmootaa doktar Taaddasaa Kaahisaay TOItti akka himanitti, bara barmootaa 2016 barattoonni kuma 114 fi 600 qormaata kutaa 8ffaa qoramaniiru.
Baratoota qoraman keessaa harka 96 kan ta’an qabxii ittiin darban galmeessisaniiru.
Bara barnootaa 2016 naannichatti manneen barmootaa mootummaa fi dhuunfaa kuma 1 fi 1129 sadarkaa naannootti qormaata kutaa 8ffaa qorachiisuusaanii beeksisaniiru.