Arjooma dhiigaa tajaajilli lamummaatiin hanqinni dhiigaa dhaabbilee fayyaa xiqqaachaa jira - ENA Afaan Oromoo
Arjooma dhiigaa tajaajilli lamummaatiin hanqinni dhiigaa dhaabbilee fayyaa xiqqaachaa jira

Finfinnee Hagayya 21/2016(TOI)-Tajaajila lammummaa yeroo gannaatiin dhiigni yuunitii 940 ol qaamolee hawaasaa garagaraarraa walitti qabuusaa Baankiin Dhiigaa Damee Goobbaa beeksise.
Daayrektarri baankichaa Obbo Salamoon Gazzaahany akka jedhanitti, baankichi hanqina dhiigaa dhaabbilee fayyaa keessatti mul'atu xiqqeessuuf qooda fudhattoota garagaraa wajjiin hojjachaara jira.
Keessattuu, hojiin tajaajila lammummaa yeroo gannaa milkaa'ina hojichaatiif tumsaa jiraachuu, dhiiga yuunitii 940 ol sassaabame fakkeenya godhachuun ibsan.
Baankichi dhiiga kutaalee hawaasaa garagaraarraa walittiqabee dhaabbilee fayyaatiif raabsuuf karoorfate keessaa dhibbantaa 90 ol raabsuun tajaajila lubbuu baraaruutiif oolchaa akka jirus eeran.
Obbo Salamoon akka jedhanitti, dhiigni arjoomtotarraa sassaabames dhaabbilee fayyaa godinoota Baalee lamaanii fi magaalaa Roobee keessatti argamaniif raabseera.
Ittigaafatamaa Ittaanaan Waajjira Fayyaa godina Baalee Obbo Dassaalenyi Tujubaa gamasaaniitiin, hojii tajaajila lammummaa yeroo gannaatiin arjooma dhiigaa dabalatee hojiileen hubannoo barnoota fayyaa fi sakatta'iinsa dhibeelee garagaraa hawaasaaf bilisaan taasifamaa jiraachuu dubbatan.
Keessattuu, arjoomtonni lubbuu sababa hanqina dhiigaatiin darbuu maltu dhiiga deebi'u gumaachuun akka baraaran Obbo Dassaaleny gaafataniiru.
Arjoomtonni dhiigaa yaada kennaniin, dhiiga deebi'u gumaachuun lubbuu deebii hinqabne baraaruu keessatti gumaacha taasisuusaaniitti gammachuu dachaa argachuu himan.
Baankiin Dhiigaa Damee Goobbaa bara bajataa 2017tti dhiiga yuunitii kuma 1 fi 600 ol walittiqabuun dhaabbilee fayyaatiif raabsuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuu ragaan damee Baankichaarraa argame nimul'isa.