Tamsaasa Kallatti:

Pirezidaantiin naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadee sagantaa duula biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoon biqiltuu dhaaban

Hagayya 17/2016 (TOI) - Pirezidaantiin naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadee sagantaa duula biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo irratti hirmaachuun biqiltuu dhaaban.

Naannichatti uummanni bal'inaan bahee duula kanaan biqiltuu dhaabaa jira jedhameera.

Sagantaa duula biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo magaalaa Bahaar Daaritti geggeeffamerratti Pirezidaantii naannichaa dabaltee Af-yaa'ii mana maree naannichaa aadde Faantuu Tasfaayee, Paartii Badhaadhinaatti hogganaa wajjira damee Amaaraa obbo Yirgaa Sisaay dbalatee hoggantoonnii fi jiraattonni magaalichaa hirmaataniiru.

Sagantaa duula ashaaraa magariisaa guyyaa tokko har'a geggeeffama jiruun naannichatti lafa heekataara kuma 28 fi 500 ol irra biqiltuun dhaabamaa jira jedhameera.

Kanaafis qophiin barbaachisaan dursee taasifamuun himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015