Tamsaasa Kallatti:

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo naannoo Hararii irratti ummanni bal’inaan hirmaachuu qaba-obbo Ordiin Badrii

Hagayya 15/2016(TOI)- Sagantaa Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo naannoo Harariitti Hagayya 17 adeemsifamurratti ummanni bal’inaan akka hirmaatu bulchaan bulchiinsa naannichaa obbo Ordiin Badrii waamicha taasisan.

Sagantaan Ashaaraa magariisaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuun carraaqqii hiyyummaa fi gargaaramuu jalaa nahuuf taasifamu kan cimsuu fi faayidaa hunda galeessa akka qabaatu ibsaniiru.

Sagantaan Ashaaraa magariisaa naannichatti cimee ittifufuusaa eeranii, biqiltuu barana dhaabuuf Karoorfame miiliyoona 2 tuqaa 5 keessaa amma ammaatti biqiltuun miiliyoona 1 tuqaa 3 caalu dhaabamuu ibsaniiru.

Waamichi guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuuf ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad taasisanirratti hundaa’uun Hagayya 17 biqiltuu naannichatti dhaabamuuf qophiin barbaachisu xumuramuusaa ibsaniiru.

Sagantaa Hagayya 17 naannichatti guyyaa tokkotti biqiltuu dhaabamuuf ummanni baay’inaan bahee ashaaraasaa kaa’uu fi jaalala biyyaaf qabnu hojiin akka argisiisu waamicha taasisuusaanii odeeffannoon komunikeeshinii naannichaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015