Baankiin Daldala Itiyoophiyaa gulaallii zoonii Seekaafaatiin tapha lammataa nitaphata

Hagayya 14/2016(TOI)- Baankiin Daldala Itiyoophiyaa gulaallii zoonii Seekaafaa shaampiyoonsi Liigii dubartootaa Kaafiin tapha lammataa har’a kilaba Sudaan Kibbaa Yee Jooyint Staarsi waliin nitaphata.

Taphi Itiyoophiyaan keessummeessite kun erga jalqabamee har’a gutyyaa guyyaa 4 guuteera.

Itiyoophiyaa bakka Bu’uun hirmaachaa kan jiru Baankiin daldala Itiyoophiyaa ramaddii 1 keessatti tapha lammataa kilaba Sudaan Kibbaa Yee Jooyint Staarsi waliin guyyaa sa’aatii 5tti Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti nitaphata.

Baankiin daldala Itiyoophiyaa tapha jalqabaatiin kilaba Ruwaandaa Raayoon Ispoort galchii 3 fi 2n mo’achuunsaa niyaadatama. Tapha har’aa yoo mo’ate kilaba jalqabaa xumura walakkaa seenu ta’a.

Morkataansaa Yee Jooyint Staarsi tapha jalqabaatiin kilaba Keeniyaa Keeniyaa Poolis waliin gachii malee xumureera.

Ramaddiidhuma Kanaan Kilabni Keeniyaa, Keemiyaa Pooliis kilaba Ruwaandaa Raayoon Ispoort waliin guyyaa sa’aatii 8tti Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti nitaphatu.

Haala walqabateen gulaallii zoonii Seekaafaatiin kaleessa ramaddii 2n Kilabni Taanzaaniyaa Siimbaa Kuwiinsi Kilaba Jibutii Faad galchii 5 fi 0n yoo mo’atu kilabni Ruwaandaa Kaaweempee Musliim Kilaba Burundii Piiviipii Buyeenzii 2 fi 0n mo’ateera.

Kilaboonni biyyoota addaddaarraa walitti dhufan sagal dorgommii kanarratti hirmaachaa jiru.

Kilaboonni Baankiin daldala Itiyoophiyaa, kilabni Keeniyaa, Keeniyaa Pooliis Buleetsi, Kilabni Ruwaandaa Raayoon ispoort fi kilabni Sudaan Kibbaa Yee Jooyint Staarsi Ramaddii 1 keessatti ramadamaniiru.

Kilabiin Taanzaaniyaa Siimbaa kuwiinsi, kilabni Burundii Piiviipii Buyeenzii, Kilabni Yugaandaa Kaaweempii Misliim fi Kilabni Jibutii Faad ramaddii 2 keessatti ramadamaniiru.

Kilabiin Zaanziibaar Waariyeer Kuwiinsi dorgommii kanarratti nihirmaata jdhamee eegamus rakkoo faayinaansiitiin gulaallii keessaa baahuunsaa nibeekama.

Gulaalliin kun amma Hagayya 23 bara 2016tti nitura.

Kilabiin dorgommii gulaallii zoonii Seekaafaa mo’ate zoonii Bahaa fi Afriikaa jiddugaleessaa bakka bu’uun shaampiyoonsi Liigii dubartootaa irratti nihirmaata.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015