Tamsaasa Kallatti:

Kilabni kubbaa miillaa Baankii Daldala Itoophiya har'a tapha isaa Shaampiyoonis liigii CAF kan jalqabaa ni taphata

Hagayya 11/2016(TOI) - Kilabni kubbaa miillaa Baankii Daldala Itoophiya har'a tapha isaa Shaampiyoonis liigii CAF kan bara 2024/25 kan jalqabaa Yugaandaa Vilaa waliin ni taphata.

Taphin kilaboota kubbaa miillaa kun har'a guyyaa saatii 10 irraa eegalee Istaadeemii biyyaalessa Maandeellaa kan daawwatoota kuma 45 fi 202 keessummeesutti ni taphatama.

Itoophiyaa bakka bu'uun shaampiyoonis liigii CAF irratti kan hirmaatu kilabinni kubbaa miillaa Baankii Daldala Itoophiyaa tapha kanaaf magaalaa Adaamaatti qophii taasisaa tureera.

Gareen kun taphichaaf dheengadda gara Yugaandaa deemera.

Kilaboonni lamaan xapha deebii Hagayya 18/2016 Finfinnee Istaadeemii Abbabaa Biqilaatti ni taphatu.

Baankiin daldala Itoophiyaa qabxii walii galaan yoo injifate gulaalli marsaa lammaffaa Kilaba Taanzaaniyaa Yaanig Afrikaanis fi kilaba Burundii Vitaaloo keessa abbaa mo'e waliin taphata.

Baankiin Daldala Itoophiyaa Itoophiyaa bakka bu'ee shampiyoonaa kanarratti hirmaachuu kan danda'eef Piremirliigii Itoophiyaa bara kana waan injifateefi.

Kilabichi piremirliigii Itoophiyaa kan bara 2016 yeroo jalqabaaf injifateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015