Ashaaraan magariisaa jijjirama qilleensa ittisuu bira taree naanoo miidhagaa fi naga qabeessa dhaloota dhufu dhaalchisuuf bu'uura ta'a

Hagayya 10/2016(TOI) - Ashaaraan magariisaa jijjirama qilleensa ittisuu bira taree  naanoo miidhagaa fi naga qabeessa dhaloota dhufu dhaalchisuuf bu'uura kaa'u ta'uu kanneen dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaarratti hirmaatan himan.

 Biiroon hojii fi ogummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Korporeeshinii Waldaalee Hojjettoota Itoophiyaa  waliin ta'uun sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabaniiru.

"Biya dhaabdu, dhaloota waaressuu" mata duree jedhuun sagantaan ashaaraa magariisaa marsaa 6ffaa geggeeffama jiru irratti dhaabbileen adda addaa, qooda fudhatoonni fi namoonni dhuunfaan biqiltuu dhaabaa jiru.

Biiroon hojii fi ogummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnees Korporeeshinii Waldaalee Hojjettoota Itoophiyaa  waliin ta'uun sagantaa ashaaraa magariisaan kanaan kutaa magaalaa Kolfee aanaa 5,tti  biqiltuu dhaabaniiru.

Biiro hojii fi ogummaa bulchiinsa magaalaa Finfinneetti hogganaan damee dhimma hojjetaa fi hojjechiisaa obbo Ababaa Taqabaa  hojiin ashaaraa magariisaa jalqabame galma kan gahu hirmaanna qaama hundaani jeshaniiru.

Ashaaraan magariisaa jijjirama qilleensa ittisuu bira taree  naanoo miidhagaa fi naga qabeessa dhaloota dhufu dhaalchisuuf bu'uura ta'a jeshaniiru.

Pirezidaantiin Korporeeshinii Waldaa Hojjettoota Itoophiyaa obbo Kasaahuun Foolloo gama isaaniin lolaa, dhiqama biyyee, haalli qilleensaa jijjiramuu fi mancaatii bosonaa ittisuuf sagantaan ashaaraa magariisaa deeggarsa guddaa taasisaa jira.

Hojii ashaaraa magariisaa biiroo hojii fi ogummaa bulchiinsa magaalichaa waliin hojjechuu jalqabne kana gara fuula duraattis cimsinee itti fufna jedhaniiru.

Hojiin ashaaraa magariisaa kun guddina dinagdee biyyaa keesaatti bakka guddaa kan qabuu ti madda galii ta'uun illee kan tajaajilu waan ta'eef hunduu irratti hirmaachuu qaba jedhaniiru.

Sagantaa kanarratti kan hirmaatan obbo Mangistuu Higguu biqiltuun miidhaginaa fi qulqullina naannoof gahee olaanaa akka qabu hubachuun waggaa waggaan ashaaraa isaanii kaa'aa jiraachuu himaniiru.
 
Bara kana sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu biliyoona 7.5 dhaabuuf karoorfamuun hojjetama jira.

Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Hagayya 17/2016 guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 600 dhaabuun ashaaraa keenya haa keeyyannu jechuun ergaa dabarsuun isaanii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015