Buusaa Gonofaa Oromiyaan balaa uumamaa fi nam-tolchee irraa humna ofiin damdamachuuf hojjechaa jira. - ENA Afaan Oromoo
Buusaa Gonofaa Oromiyaan balaa uumamaa fi nam-tolchee irraa humna ofiin damdamachuuf hojjechaa jira.

Hagayya 8/2016 (TOI) - Balaawwan umamaa fi nam-tolchee irraa humna ofiin damdamachuuf hojiiwwan dandeesisan hojjecha jiraachuu Buusaa Gonofaa Oromiyaa beeksise.
Buusaa Gonofaan aadaa walgargaarsa hawaasni duraa qabu yoo ta'uu Oromiyaatti sadarkaa dhaabbatatti gurmaa'uun seeraan beekamtii argatee hojii hojjechaa dhaabbata jirudha.
Itti aanaan hogganaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa obbo Tafarii Bayyanaa TOI'tti akka himanitti; Buusaa Gonofaa Oromiyaan beekamtii seeraa argachuun erga hojii jalqabee waggaa lama keessaatti hojji hedduu hojjecha jira.
Bara bajata darbe qofaa miseensoota miliyoona 12.1 horachuu danda'uu himanii; yeroo ammaa baay'inni miseensota isaa miliyoona 24.4 gahuu ibsaniiru.
Miseensoota kannneen irraa maallaqa callaa buusii fi gumaatan birrii biliyoona 2.1 walitti qabuu eeranii; kanaanis baratoota miliyoona 6.1'f mana barnootaatti soorata dhiheesuun danda'ameera jedhaniiru.
Waggoota lamaan darban sababa hongeen lammilee miidhamaniif mallaqaa fi meeshaalee adda addaa waliigalaan birrii biliyoona 23 ta'u deeggarsa taasisuus himaniiru.
Kanaanis balaa sababa nam-tolcheenis ta'ee uumamaan dhufu humna ofiin damdamachuuf hojii dandeesisuuf bu'uurri kaa'ameera jedhaniiru.
Bara bajata kanas baay'ina miseensoota isaa miliyoona 30'n gahuu akkasuma buusii fu gumaataan maallaqa miseensoota irraa walitti qabamu birrii biliyoona 6'n gahuuf karoorfamee hojjetama jira jedhaniiru.
Dabalataan midhaan kumtaala miliyoona 3.2 walitti qabuuf karoorfamuu himanii; dhaabbatichi deeggarsa walitti qabuu qofaa osoo hin taane hojii invastimatii fi qonnaarratti bobba'uufis kayyeeffatee hojjecha jira jedhaniiru.