Dirqama kamiyyuu gahumsa olaanaan bahuun birmadummaa Itoophiyaa kabachiisuu Raayyaa Ittisa Biyyaa danda'u ijaaruun cimee itti fufa

Hagayya 7/2016(TOI) - Dirqama kamiyyuu gahumsa olaanaan bahuun birmadummaa Itoophiyaa kabachiisuu Raayyaa Ittisa Biyyaa danda'u ijaaruun cimee kan itti fufu ta'uu Itaamajoor Shuumiin waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiild Marshaal Biraanuu Juulaa beeksisan.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Komaandoo fi Iizii humna Qilleensaa marsaa 12ffaan kan leenjisaa turee humna addaa fi miseensoota raayyaa farra shorkeesummaa eebbisiiseera.

Sirna eebbaa kanarratti Itaamajoor Shuumiin waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Marshaal Biraanuu Juulaa dabalatee qondaaltoonni jeneraaloota raayyaa ittisaa biyyaa fi miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa argamaniiru.

Filid Marshaal Biraanuu Juulaa wayita kana ergaa dabarsaniin leenjii saayinsii waraanaa bu'aa ba'ii hedduu qabu keessa darbanii miseensota humna addaa eebbaaf gahaniin baga gammadan jedhaniiru.

Damee hundaarratti ijaarsonni raayyaa ittisa biyyaa birmadummaa Itoophiyaa fi dawoo uummatoota ishee isa dhumaa ta'uu isaanii ibsaniiru.

Humni Addaa dirqama biyyaa adda ta'ee fi imaanaa guddaa saayinsii waraanaa fi naamusa olaanaa qabu itti kenname waardiyyaa nageenyaa Itoophiyaa ta'uu himaniiru.

Miseensoonnii humna addaa eebbifamanis birmadummaa Itoophiyaaf dursanii kan gahuun dirqama isanii gahumsa olaanaan kan bahan ta'uu eeranii; dirqama kamiyyuu gahumsa olaanaan bahuun birmadummaa Itoophiyaa kabachiisuu Raayyaa Ittisa Biyyaa danda'u ijaaruun cimee itti fufa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015