Tamsaasa Kallatti:

Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa Addi Bilisa Baasaa Itiyoophiyaa (ABUT) gumii waliigalaa geggeessuuf akka ta’e miidiyaaleen himamuu irraa ka’uun xalayaan boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophoyaa paartichaaf barreesse akka ramaan gadiitti dhihaateera.

Adda Bilisa Baasa Ummata Tigraayiif (ABUT)

Maqalee

Dhimmi-Gumii waliigalaa paartichi waameera jedhamu ilaallata

Boordiin biyyaalessaa Itiyoophiyaa Hagayya 3 bara 2016 xalayaa lakk. A/1162/11/15180 paartichaaf barreesseen paartichi haala haddaan galmaa’uusaa ibseera. Waraqaan raga qaama seerummaa mirkaneessus kennameera.

Paartichi guyyaa xalayaa Boordichaa fi waraqaa raga armaan olitti ibsame isa qaqqabee kaasee kan bulu qajeelfamootaa fi murteewwan boordii lakk. Labsii galmee fi naamusa filannoo paartilee siyaasaa filannoo Itiyoophiyaa 1162/2011 fi labsii lakk. Labsii kana fooyyesse 1332/2016  akkasumas labsiilee kanarratti hundaa’uun bahaniinidha.

Boordichi murteewwan inni kennee fi xalayaadhaan ibse kanneen hojiirra ooluu qaban keessaa paartichi gumii waliigalaa taasisuun dura guyyaa 21 dura boordiif beeksisuu fi boordichi gunii waliigalaa paartichi taasisurratti taajjabdoonni boordichaa argamuun dirqamoota ijooti.

Haa ta’u malee paartichi yeroo ammaa gumii waliigalaa taasisuuf akka ta’e miidiyaalee addaddaatiin gabaafamaa akka jiru boordichi hubateera.

Kanaaf gumii waliigalaa taasisuuf maaltu ta’uu akka qabu boordichi hojiilee haalduree akka beeku bakka hintaasifamnetti, bakka hinhordofnee fi hinmirkaneessinetti akkasumas taajjabdoonni boordichaa bakka hinargamnetti gumiin waliigalaa waamameera jedhamu adeemsifamuu hindanda’u.

Gumiin waliigalaa eyyama boordiin ala yoo adeemsifames boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa gumii kanaafis ta’e murteewwan gumiiwwan kanarratti murtaa’an hundaaf beekamtii kan hinkennine ta’uu gamanumaa kabajaan nibeeksifna.

Nagaa Kabajaa waliin

Boordii filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015