Fooyya'insi Imaammata Dingdee Gooroo milkaa'aa akka ta'u galii karaa adeemsa ammaayyaan walitti qabuurratti xiyyeeffanaan ni hojjetama. - ENA Afaan Oromoo
Fooyya'insi Imaammata Dingdee Gooroo milkaa'aa akka ta'u galii karaa adeemsa ammaayyaan walitti qabuurratti xiyyeeffanaan ni hojjetama.

Hagayya 3/2016(TOI) - Mootummaan Fooyya'insi Imaammata Dingdee Gooroo milkaa'aa akka ta'u galii karaa adeemsa ammaayyaan walitti qabuurratti xiyyeeffanaan ni hojjeta jedhan Minstirri Maallaqaa obbo Ahimad Shidee himan.
Ministeerri Galiiwwanii kanfaltoota gibiraa jiddugaleessaa waliin dhimmoota seeroota taaksii fi kallatti fooyya'insa imaammata dinagdee gooroo irratti mari'ata jira.
Waltajjii marii kanarratti ministirri Maallaqaa Ahimad Shiidee, Ministira galiiwwanii Aynaaleem Nugusee, Komishiinarri Komishiinii Gumurukaa Dabalee Qaabataa fi hoggantoonni hojii biroon argamaniiru.
Ministirri Maallaqaa Ahimad Shideen wayita kana akka himanitti; sagantaan fooyya'insa imaammata dingdee gooroo guutuun dinagdee Itoophiyaa ammayyesuu fi guddina haala waaraa ta'een mirkaneesuu kan kaayyeeffatedha.
Guddinni dinagdee Itoophiyaa dabalaa dhufus fooyya'insi imaammata dinagdee gooroo guutuu ta'e hojiirra ooluu dhabuusaan dhiibba mataa isaa uumeera jedhaniiru.
Dhiheenya karaa guutuu ta'een hojiirra ooluu kan jalqabe fooyya'insi dinagdee gooroo galii guddisuun baasii of danda'uun guutuu kan kayyeeffatedha jedhaniiru.
Fooyya'insi imaammata kun dhibbaa liqaa biyyattirra kan salphisuu fi sirna faayinaansii biyyaatti kan ammayyesuudha jedhaniiru.
Itoophiyaan dingdee gooroo tasgabaayaa akka qabaattu gaheen dameen dhuunfaa qabu olaanaa ta'uus eeraniiru.
Kanaaf milkaa'ina hojiirra oolmaa sagantaa fooyya'insaa kanaaf oomishitummaa dabaluu fi galii hanga dinagdeen maddisiise walitti qabuun barbaachisaa ta'uu himaniiru.
Kanaaf immoo keessaatti kanfaltoonni gibiraa galii haala beeksisuu fi galii irraa eegamu kanfaluun dirqama akka biyyaatti qaban bahachuu qabu jedhaniiru.
Mootummaanis galii yeroonii fi karaa sirrii walitti qabamu taasisuun kanneen gibira dhoksan irratti immoo hordofii fi to'annoo taasuun hojii seera kabachiisuurratti ciminaan ni hojjeta jedhaniiru.