Magaalaa Adaamaatti dukkaanonnii fi mankuusaawwan sirna bittaa fi gurgurtaarratti rakkoo uuman Saamsamaman

Magaalaa Adaamaatti dukkaanonnii fi mankuusaawwan sirna bittaa fi gurgurtaarratti rakkoo uuman Saamsamaman

Hagayya 2/2016(TOI)- Magaalaa Adaamaatti dukkaanonnii fi mankuusaawwan sirna bittaa fi gurgurtaarratti rakkoo uuman Saamsamuusaanii waajjirri daldalaa bulchiinsa magaalichaa beeksise.

Koreen gabaa tasgabbeessu kan waajjira kantiibaan gaggeeffamu dhaabatee hordoffii fi to’annaa taasisaa akka jiru hoogganaan waajjirichaa obbo Xiilloo Dugdaa ibsaniiru.

Haala Kanaan dukkaanonnii fi mankuusaawwan daldalaa gabaa hinmalle keessa galan  saamsamuusaanii dubbataniiru.

Koreen kun eeruu ummataarraa ka’uun to’annaa fi hordoffii taasiseen gatii hinmalle kan dabalan, oomisha kan dhoksanii fi faana balleessandukkaanotaa fi mankuusaalee daldalaa 60 irratti tarkaanfii fudhachuusaa himaniiru.

Kana malees daldaltoota eeyyama daldalaa kennameefiin ala konkolaataatti fayyadamuun oomishoota addaddaa daandiirratti osoo gurguranii to’annaa jala oolan qoratamaa akka jiran beeksisaniiru.

Koreen kun hawaasa daldalaa fi jiraattota magaalaaf hubannoo uumaa akka jiru eeranii, to’annaan kun cimee akka ittifufu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015