Gulaallii Meetira 1500n Atileet Birqee Hayyaloom Xumura Walakkaaf Darbite

Hagayya 1/2016(TOI)- Taphoota Olompiikii 33ffaan Atileet Birqee Hayyaloom Gulaallii Marsaa Lammaffaa (Repechage Round) Meetira 1500n Xumura Walakkaaf Darbite.

Birqee Hayyaloom Ramaddii 1 keessatti Dorgomtee Daqiiqaa 4 sakondii 01 maayikiroo Sakondii 47n Tokkoffaa Baateetti.

Dorgommii Gulaallii Marsaa Jalqabaa Meetira 1500 Kaleessa Dorgomameen Daqiiqaa 4 sakondii 7 Maayikiroo Sakondii 15n 11ffaa Bahuunshee Nibeekama.

Dorgommii Gulallii Ramaddii Lamatti Qoodamee Taasifameen Atileetonni Ramaddiirraa 1ffaa amma 3ffaatti Bahan Xumura Walakkaaf Darbaniiru.

Atileet Gudaaf Tsaggaay fi Atileet Dirribee Walttajjii Gulaallii Jalqabaa Kaleessa Taasifameen Ramaddiisaaniirraa Tokkoffaa Bahuun Kallattiin Xumura Walakkaaf Darbuunsaanii Nibeekama.

Dorgommii Xumura Walakkaa Kamisa Hagayya 2 bara 2016 galgala Sa’aatii 2 fi daqiiqaa 35tti nidorgomama.

“Repechage Round”  Hiikoonsaa Afaan Faransaayii Carraa Lammaffaa Gufachiisaa Jalqabee fageenya meetira 200 amma meetira 1500tti Atileetonni Marsaa Itti aanutti yoo hindarbinellee dorgommii erga xumuranii booda irra deebi’uun carraa darbuu kan itti argatanidha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015