Hojiirra oolmaan Imaammata dinagdee gooroo guddina biyyaa tasgabaayaa, guutuu fi waaraa kan fidudha.

Adoolessa 30/2016(TOI) - Hojiirra oolmaan Imaammata dinagdee gooroo guddina biyyaa tasgabaayaa, guutuu fi waaraa kan fidu ta'uu hoggantoonni olaanoo mootummaa himan.

Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee adeemsa fooyya'insa dinagdee mandhalee marsaa jalqabaa fi lammaffaan gara imaammata dinagdee gooroo hojiirra oolchuutti galuuf qophiin taasifama jira jedhaniiru.

Adeemsi fooyya'insaa kunis deeggarsa Dhaabbata maallaqaa idil addunyaa(IMF) fi Baankii Addunyaa dabalatee dhaabbilee deeggarsatoota idil addunyaa biroon hojiirra oolfama jedhaniiru.

Imaammaanni Maallaqaa kun gabaan akka durfamu, idaa hir’isu, baasii fi galii mootummaa fooyyeessuun idaa hir’isuurratti faayidaa olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Sababa fooyyessa kanaan lammiilee miidhamoo ta’aniif daballiin mindaa fi deeggarsi kan taasiifamu ta’uu himaniiru.

Ministirri Misoomaa fi karooraa doktar Fitsum Asaffaa yaanni fooyya'insa dinagdee mandhalee qophaa'ee waggoota jahan darban sadarkaa adda addaatti hojiirra oolaa turuu himaniiru.

Kunis haala rakkoo caaseeffama bulchiinsaan hudhamee kan ture damee dhuunfaa si'oomsuun dursitoota dinagdee akka ta'an haalli dandeesisuu uumameera jedhaniiru.

Ijaarsi pirojeektoota yeroo kaa'meef keessaatti fi bajata qabameefiin akka xumuraman taasifamuun danda'amuu himanii; muuxannoon kunis imaammata dinagdee gooroo guutuu hojiirra oolchuuf ka'umsa gaarii fi haala dandeesisan ta'u jedhaniiru.

Jijjiirama biyyaalessaa as diinagdeen tasgabbaa’aa ta’e akka jiraatu hojiilee hedduun hojjetamuu Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihiratuun dubbataniiru.

Imammata Diinagdee Gooroo taasiifame karaa guutuun hojirra oolchuun Diinagdee Itiyoophiyaa tasgabbaa’aa, guutuu fi itti fufiinsa qabu galmeessuuf gahee olaanaa qabaachuu hoggantoonni kunneen ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015