Tamsaasa Kallatti:

Pirojektoonni bu’ura misoomaa birrii biiliyoona lama tuqaa toorba caaluun magaalaa Maqaleetti ijaaramaa jiran daawwatamaa jiru

Adoolessa 24/2016(TOI)-Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayi obbo Geetaachoo Raddaa pirojektoota misoomaa birrii biiliyoona lama tuqaa toorba caaluun magaalaa Maqaleetti ijaaramaa jiran daawwachaa jiru.

Pirojektoonni xumuramanii tajaajilaaf qaqqabanii fi kanneen ijaarsarra jiran akka daawwataman ibsameera.

Pirojektoota obbo Geetaachoon daawwatan keessaa ijaarsi daandii cirrachaa gandoota naannawa magaalaa Maqaleetti argaman 25 walitti fidan akka keessatti argaman bulchiinsa yeroo naannichaatti kantiibaan ittaanaan magaalaa Maqalee obbo Eliyaas Kaahisaayi ibsaniiru.

Riqaawwan konkolaataa fi namaa bara bajatichaatti hojjetaman akka daawwataman ittaanaan kantiibaa kun ibsaniiru.

Sheediiwwan daabboon itti tolfamu 10 bulchiinsi magaalichaa dargaggoota hedduuf hojii ittiin uumes akka daawwataman ibsameera.

Suphaa fi ijaarsi hoospitaala Maqalee kan waggaa 60 caalu lakkoofsise babal’isuuf  taasifamu dabalatee dhaabbileen tajaajila hawaasummaa kennan kanneen biroon  akka daawwataman eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015