Itoophiyaan bakka argama dhala namaaf kama'umsa ta'uu aragannoon Luusii mirkanesuun, Itoophiyaa jiddugala qorannoo sanyii dhala namaa akka taatu taasisa - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan bakka argama dhala namaaf kama'umsa ta'uu aragannoon Luusii mirkanesuun, Itoophiyaa jiddugala qorannoo sanyii dhala namaa akka taatu taasisa

Adoolessa 22/2016(TOI) - Itoophiyaan bakka argama dhala namaaf kama'umsa ta'uu aragannoon Luusii mirkanesuun, Itoophiyaa jiddugala qorannoo sanyii dhala namaa akka taatu taasisa jedhan Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiy Ahimad.
Waggaa 5ffaan argamuu ambaa Luusii mata dyree '' Walakkaa jaarraa argannoo dinqii'' jedhuun Paardii Adwaatti bakka ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad argamanitti kabajameera.
Sirna kabaja waggaa 50ffaa kanarratti ministira muummee doktar Abiy Ahimad, itti aanaa Ministira muummee obbo Tamsgeen Xurunee, Ministiroota, akkasuma hambaa haftee Luusii qoranoon kan argatan Piroofeesar Doonaalid Joonsan dabalatee hayyoonni damichaa biyyoota adda addaarra dhufan hirmaataniiru.
Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad wayita kana; Itoophiyaan biyyaa aadaa ajaa'ibaa, hambaalee uumamaa fi namtolchee hedduu qabdudha jedhaniiru.
Argamuun hambaa Luusii hawaasni saayinsii waa'ee lafaa fi haala lubbuu keessaatti argamu baruuf kan dandeesisedha jedhaniiru.
Hojiiwwan qorannoo hedduufis gaaffilee bu'uura akka ka'an kan taasisees ta'uu eeraniiru.
Itoophiyaa qofaa osoo hin taane Afrikaan bakka argama dhala namaa kan duraa ta'uus beekamtii kan kenne ta'uus ibsaniiru.
Saayinsiin dhalli namaa lafarra jiraachuu erga jalqabee waggaa miliyoona 6 kan ibsu ta'uu eeranii; hojiiwwan saayinsii fi qorannoo damee kanarratti hojjetaman keessattis Itoophiyaan bakka ijoo akka taate dubbataniiru.
Hambaalee lafee dhala namaa addunyaarratti haga ammatti qorannoon argaman keessa 13 Itoophiyaa keessaatti kan argaman ta'uus himaniiru.
Hambaalee lafee dhala nama durii Itoophiyaatti argaman malees Itoophiyaatti dabalataan meeshaalee dhalli namaa dur itti fayyadamaa ture argamuun Itoophiyaan madda tekinolojii aadaa ta'uu ishee kan kan agarsiisaniidha jedhaniiru.
Mootummaan waggoota shanan darban qabeenya turizimii Itoophiyaa misoomsuuf hojii hedduu hojjechuu ibsaniiru.
Hojiiwwan gama kanaan hojjetaman keessaatti Maaddii Shaggariif, Maaddii biyyaaf fi maaddii dhalootaafiin hojjetaman akka fakkeenyaatti kan eeramanidha jedhaniiru.
Hojiiwwan misooma turizimii kunneen haala qabataamaa fi uumamaa waliin kan wal simanii hojjetaman ta'uu eeranii hojiin wal fakkataan hojjetamuun cimee itti fufa jedhaniiru.
Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad haasaa isaaniin kanneen addunyaarra jiran qaabeenya Itoophiyaa kan ajabsiisaa ta'ee akka daawwatan waamicha taasisaniiru.