Tamsaasa Kallatti:

Manni maree naannoo Affaar Adoolessa 20 yaa’ii idilee nitaa’a

Adoolessa 17/2016(TOI)- Manni maree naannoo Affaar Adoolessa 20 irraa kaasee yaa’ii idilee 6ffaa waggaa 3ffaa marsaa 6ffaa akka taa’u af-yaa’iin mana marichaa adde Asiiyaa Kamaal beeksisan.

Af-yaa’iin mana maree naannoo Affaar adde Asiiyaa Kamaal ibsa har’a kennaniin, yaa’ichi ajandaawwan addaddaarratti akka mari’atu dubbataniiru.

Yaa’ichi gabaasa raawwii hojii qaamolee raawwachiiftotaa naannichaa erga dhaggeeffatee booda mari’atee akka raggaasisu ni’eegama jedhaniiru.

Manni marichaa gabaasa waajjira odiitii muummee fi mana murtii waliigalaa naannichaa aka dhaggeeffatu beeksisaniiru.

Gabaasni bara 2016 fi karoorri bara 2017 yaa’iif dhihaatee akka raggaafamu eeranii, labsiiwwan addaddaa akka raggaafaman ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015