Bulchiinsichatti lafti heektaarri kumni 210 fi 400 qotamee facaafamuusaa qajeelchi qonnaa beeksise - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsichatti lafti heektaarri kumni 210 fi 400 qotamee facaafamuusaa qajeelchi qonnaa beeksise

Adoolessa 16/2016(TOI) - Bulchiinsa sab-lammii Hawwiitti bara oomishaa qabametti lafti hektaarri kuma 210 fi 400 qotamee facaafamuusaa qajeelchi qonnaa bulchiinsichaa beeksise.
Ittaanaan qajeelchichaa Obbo Addisuu Simaachoo bara oomishaa kanatti lafa hektaara kuma 338 fi 609 gosa midhaan garagaraan misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru himaniiru.
Hanga ammaattis hordoffii ogeeyyiin qonnaa qonnaan bultootaaf taasisaniin lafti heektaarri kuma 210 fi 492 qotamee oomishaan uwwifamuu beeksisaniiru.
Hojiin facaasaa cimee itti fufuu eeranii, oomisha guddisuuf sanyii filatamaa fi xaa’oo fayyadamuun cinaatti misooma kilaastaraan oomishamaa jiraachuu himan.
Dhiyeessiin Xaa’oo oomisha midhaaniif oolu bara darberra fooyyee qabaachuu himanii ; kuntaalli kuma 571 fi 857 dhiyaatee raabsamaa jira jdhan.
Qonnaan bulaan bu’uura gorsa ogeeyyii qonnaan isaaaniif kennamuutiin midhaan biqile aramaa fi ittisa ilbiisotaa irratti hojjechuu akka qaban ibsaniiru.
Bulchiinsichatti qonnaan bulaan Aanaa Guwaanguwaa ganda Chaajamkoo Adaraaw Adimaas yaada kennaniin, dhiyeessiin xaa’oo bara kanaa kan bara darbeerra fooyyee qabaachuu himan.
Tattaaffii hanga ammaatti taasisaniin lafa hektaara lama facaasuusaanii himuun sanyii daagujjaa fi xaafii facaasaa akka jiran ibsaniiru.
Aanaa kanatti qonnaan bulaan ganda Anguwaay Simeeneeh Ayyaalnee sanyii boqqolloo heektaara tokko facaasuun biqilaasaa kunuunsaa akka jiran himan.
Misooma midhaanii kanaaf mootummaan xaa’oo yeroon dhiyeessuun dabalata hammaanis kan bara darbee irraa baay’ee kan caalu argachuu isaanii himan.
Bulchiinsa sab-lammii Hawwiitti wayitii oomisha gannaan lafa misoomuun oomisha kuntaala miliyoona 14 argachuuf karoorfamuusaa qajeelchi qonnaa ibseera.