Naannoo Oromiyaatti bara bajatichaa hojiiwwan Odiitii dhaabbilee mootummaa jiddugaleessa godhatan hojjetamaniiru- odiitara muummee naannichaa - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti bara bajatichaa hojiiwwan Odiitii dhaabbilee mootummaa jiddugaleessa godhatan hojjetamaniiru- odiitara muummee naannichaa

Adoolessa 15/2016 (TOI)-Bara bajatichaatarkaanfilee sirreessaa argannoo odiitii bu’uureffatan gama fudhachuutiin hojiileen jajjabeessoon hojjetamuusaanii odiitarri muummee naannichaa obbo Tafarii Wandiifraawu beeksisan.
Caffeen Oromiyaa oolmaa guyyaa lammaffaa yaa’ii idilee 7ffaa magaalaa Adaamaatti taa’aa jiruun gabaasa raawwii hojii mama murtii waliigalaa fi waajjira odiitii bara 2016 naannichaa fi karoora bara 2017 dhaggeeffateera.
Odiitarri muummee naannoo Oromiyaa obbo Tafarii Wandiifraawu raawwi waajjira odiitii bara bajataa 2016 fi karoora bara 2017 Caffeef dhiheessaniiru.
Obbo Tafariin gabaasa dhiheessaniin bara bajatichaa hojiileen odiitii dhaabbilee mootummaa naannichaa jiddugaleessa godhatan raawwatamaniiru.
Haala Kanaan dhaabbilee 662 irratti hojiileen odiitii hojjetamuu eeraniiru.
Kana ka’umsa godhachuun dhaabbilee 580 irratti tarkaanfiin sirreessaa fudhatamuunsaa mirkanaa’eera jedhaniiru.
Kana malees birriin odiitiin argame biiliyoona 7 tuqaa 5 akka deebi’e kaasaniiru.
Seera qabeessummaa faayinaansiin walqabatee dandeettii gadi galii walitti qabuu fi raga sirrii dhiheessuu dhabuun rakkoolee bal’inaan mul’achuu ta’uu eeraniiru.
Bittaa ilaalchisee waajjiraaleen 115 bittaa sirnaan alaa raawwachuusaanii mirkaneessaniiru.
Odiitii dhaabbilee misoomaarratti taasifameen hanqinoonni bifa addaddaan ibsaman argamuusaanii ibsaniiru.
Argannoon Odiitii cimaan kan irratti argame keessaa bulchiinsa godina Buunnoo Baddallee, waajjira galiiwwanii bulchiinsa magaalaa Ciroo, ejensii babal’isa hojii gamtaa godina Arsii akka fakkeenyaatti eeraniiru.
Gama biraatiin odiitii eegumsa naannoorratti taasifameen bulchiinsi magaalaa Shaashamannee fi Bishooftuu sirreessa akka taasisan gorsi kennamuusaa kaasaniiru.
Dhaabbileen argannoon odiitii irratti argame dafanii akka sirreessan miseensonni Caffee hubachiisaniiru.