Konfireensiin dursa yaa'ii Misooma faayinaanisii idil addunyaa Finfinneetti geggeeffama jira. - ENA Afaan Oromoo
Konfireensiin dursa yaa'ii Misooma faayinaanisii idil addunyaa Finfinneetti geggeeffama jira.

Adoolessa 15/2016(TOI) - Konfireensiin dursa yaa'ii Misooma faayinaanisii idil addunyaa Finfinneetti geggeeffama jira.
Sagantaa kanarratti ministirri maallaqaa Ahimad Shidee, ministirri dhimma alaa ambaasaaddar Taayyee Atsiqasilaasee, itti aanaa barreessa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad fi kanneen biroon hirmaacha jiru.
Konfireensiin har'a qophaa'ee kun akka lakkofsa Awurooppaatti Waxabajjii 30 hanga Adoolessa 3/2025tti yaa'ii misooma faayinaanis idil addunyaa Ispeenitti geggeeffamu ilaalchisuun yaa'ii dursaa qophaa'edha jedhameera.
Barreessaan olaanaa Dhaannata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutaras karaa viidiyoo konfirensii ergaa dabarsaniin addunyaarratti garagarummaa ji'oo Polotiksii bu'uureffaten rakkoon yaa'insa faayinaanis haqa qabeessa hin taane uumameera jedhaniiru
Bara dhufu kan geggeeffamu yaa'ii misooma Faayinaansii idil addunyaa kanaan sirna faayinaanis haqa qabeessa hin taane sarara sirriitti akka deebi'u ni gargara jedhanii akka yaadan himaniiru.
Yaa'iin Ispeenitti geggeeffamu kun daldala fi invastimantii cimsuun sirna faayinaansii haalan qajeela ta'e diriirsuuf gahee olaanaa ni qaba jedhaniiru.
Akka lakkoofsa awurooppatti bara 2015 Finfinneetti konfireensii misooma faayinaansii idil addunyaa qophaa'erratti yaadni murtoo taasifamee (Addis Ababa Action Agenda, Resolution 69/313) fi galmoota misooma itti fufinsa qaban 2030 milkeesuuf hojiin gocharratti xiyyeeffate hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.