Bara bajataa kana qonna gannaa fi misooma qamadii bonaaf xiyyeeffannoon addaa kennameera-obbo Shimallis Abdiisaa

Adoolessa 14/2016(TOI)- Bara bajataa kana qonna gannaa fi misooma qamadii bonaaf xiyyeeffannoon addaa kennauusaa pirezidaantiin naannpoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.

Caffeen Oromiyaa walgahii idilee 7ffaa magaalaa Adaamaatti taa’aa jira.

Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa kallattii xiyyeeffannoo bara bajataa 2017 Caffeef dhiheessaniin bara oomishaa 2017/18 qonna Arfaasaa fi Gannaatiin lafa heektaara  miiliyoona 12 tuqaa 4 misoomsuun calla kuntaala miiliyoona 379 walittiqabuuf akka karoorfame ibsaniiru.

Akkasumas bara bajata haaraatti lafa heektaara miiliyoona 4 jallisii bonaatiin qamadii misoomsuun calla kuntaala miiliyoona 163 walitti qabuuf karoorfameera  jedhan.

Qonna kanaaf xaa’oo kuntaala miiliyoona 16 tuqaa 8, sanyii filatamaa kuntaala miiliyoona 1 tuqaa 8, keemikaala farra aramaa fi farra ilbiisaa liitira miiliyoona 3 tuqaa7dhiheessuuf karoorsineerra jedhan.

Akkasumas carraaqqii daldala alergii guddisuuf akka biyyaatti taasifamaa jiru deeggaruuf qabeenya Bunaa fi beelladaarrati xiyyeeffatamee nihojjetama jedhan.

Sanyii kormaa fooyya’an miiliyoona 2 tuqaa 5 qonnaan bulaa fi horsiisee bulaaf raabsuuf  akka karoorfame gabaasasaaniitiin dhiheessaniiru.

Haala wal fakkaatuun “gaagura ammayyaa miiliyoona 1 tuqaa 5 fayyadamtootaaf raabsuuf karoorfanneerra” kan jedhan obbo Shimallis, handaanqoo buphaa hinbuufnee fi cuucii guyyaa tokkoo dabalatee handaanqoon miiliyoona 198 niraabsamu jedhan.

Bara bajataa kana dureeyyiin kaappitaala birrii biiliyoona 200 caalu galmeesisanii fi lammiilee miiliyoona 1 tuqaa 7f carraa hojii uuman keessummeessuuf karoorfamuu ibsanii, keessumaa qonnaan bultoota, horsiisee bultoonni Intaroiraayizoonnii fi waldaaleen bal’inaan keessatti nihammatamu jedhan.

Bara bajata haaraatti mootummaan naannichaa lammiilee miiliyoona 2 tuqaa 7 ta’aniif carraa hojii dhaabbataa uumuuf karoorsuusaa obbo shimallis gabaasasaanii keessatti mul’isaniiru.

Mariin miseensonni Caffee gabaasa raawwii bara bajataa 2016 fi karoora bara 2017 irratti taasisan ittifufeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015