Barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoratamuuf galmaa’an keessaa harki 97 tuqaa 5 qormaata fudhataniiru. - ENA Afaan Oromoo
Barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoratamuuf galmaa’an keessaa harki 97 tuqaa 5 qormaata fudhataniiru.
Adoolessa 12/2016(TOI)- Barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoratamuuf galmaa’an keessaa harki 97 tuqaa 5 qormaata fudhachuusaanii ministeerri barnootaa ibse.
Ministirri barmootaa piroofeesar Birhaanuu Naggaa qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa xumuramuusaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Akka biyyaatti barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoramuuf galmaa’an kuma 701 fi 749 keessaa harki 97 tuqaa 5 qormaata fudhataniiru jedhan ibsasaaniitiin.
Kanneen hafan boodatti hafanii barumsa waan jalqabaniif qormaata akka hinfudhanne ibsaniiru.
Akka ibsa ministirichaatti qormaanni barattoota kutaa 12ffaa naannoo Tigraayi har’a ganama kan xumurame yoo ta’u, qormaatichi guutuu biyyaatti milkaa’inaan xumuramuusaa beeksisaniiru.