Hoggantoonni Ministeerichaa fi dhaabbilee itti waamamtoonni ministeerichaa naannoo Somaaleetti sagantaa shaaraa magariisaan biqiltuu dhaaban

Adoolessa 12/2016(TOI)፦ Hoggantoonni Ministeera Daladalaa fi walitti hidhamsa naannaawwaa akkasuma dhaabbilee itti waamamni isanii ministeerichaaf ta'e, hoggantoota fi hojjetoota biirolee daldalaa bulchiinsa magaaloota akkasuma hoggantoonni hojii mootummaa naannoo Somaalee naannoo Somaalee magaalaa Dagaaburitti sagantaa shaaraa magariisaan biqiltuu dhaaban

Biqiltuu kanas kan dhaaban magaalicha bakka Paarkii uummataa jedhamutti ta'uun himameera.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu kanarratti pirezidaantii naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad, Ministira Daladalaa fi walitti hidhamsa naannawwa doktar Kasaahuun Goofee, hoggantoota hojii mootummaa federaalaa fi naannichaa hoggantoota gosaa fi jarsoliin biyyaa argamaniiru.

Ministeerri Daladalaa fi walitti hidhamsa naannaawwa erga biqiltuu dhaabaniin booda tajaajila tola ooltummaan kan hojjetamu mana harka qalleeyyii haaromsuu jalqabsiisuu fi baratootaaf deeggarsa meeshaalee barnoota taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015