Tamsaasa Kallatti:

 Naannoo Amaaraatti lafti heektaara kuma 86 caalu facaafameera

Adoolessa 11/2016 (TOI)-  Naannoo Amaaraatti qonna gannaatiin lafa Ruuzii misoomsuuf  karoorfame keessaa amma ammaatti  heektaarri kuma 86 caalu facaafamuusaa biiroon qonnaa naannichaa beeksiseera.

Qonnaan bultoonni yaada kennan akka jedhanitti, oomishtummaa misooma Ruuzii guddisuuf xaa’oo fi hojmaata fooyya’aatti fayyadamuun misoomsaa jiru.

Biiroo qonnaa naannichaatti qindeessituun misooma Ruuzii adde Inniyee Asaffaa TOItti akka himanitti, naannichatti misooma Ruuzii babal’isuu fi oomishtummaasaa guddisuuf hojjetamaa jira.

Ganna kana lafa heektaara kuma 270 fi 910 irratti Ruuzii misoomsuuf karoorfamee amma ammaatti lafa heektaara kuma 86 caalurra Ruuziin facaafamuu beeksisaniiru.

Lafa msoomurraa Ruuziin kuntaala miiliyoona 14 fi kuma 400 akka argamuu fi kun ammoo oomishtummaansaa heektaaraan jiddugaleessaan kuntaala 53 akka ta’e himaniiru.

Lafa misoomsuuf karoorfame keessaa heektaarri kuma 115 qonna kilaastaraan akka misoomu dubbataniiru.

Biiroon qonnaa godinichaa sanyiiwwan Ruuzii fooyya’aa “Shaagaa fi Salaam” jedhaman kuntaala kuma 6 caalu godinoota addaddaaf raabsaa akka jiru ibsaniiru.

Qonnaan bulaan jiraataa godina Gondar Kibbaa aanaa Fogaraa Faxxanee Tawaachoo yaada kennaniin, Kanaan dura Ruuzii oomishaa akka turan eeranii, oomishni argatan jireenyasaanii jijjiiraa akka jiru dubbataniiru.

Ganna kanas lafa heektaara tokkoo fi walakkaa qabanirra Ruuzii misoomsaa akka jiran dubbataniiru.

Misooma kanaafis xaa’oo kuntaala sadii bitanii fayyadamuusaanii dubbataniiru.

Qonnaan bulaan aanaa kanaa kan biraan Tawaachoo Guwaaddee, Ruuzii kilaastaraan oomishuun faayidaa caalu akka qabu muuxannoo darberraa mirkaneessuusaanii ibsaniiru.

Qonna gannaa Kanaan lafa heektaara heektaara lamatti hiiqu facaasaa xumuraa akka jiranii fi roobni jiru misooma Ruuziif mijataa waan ta’eef oomisha gaarii akka eegan dubbataniiru.

Bara oomishaa 2015/16 naannoo Amaaraatti lafa Ruuziin misoome heektaara kuma 82 caalu  irra oomishni kuntaala miiliyoona 4 tuqaa 2argamuusaa odeeffannoon biiroo qonnaa naannichaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015