Magaalichaatti bara bajataa darbe lammilee kuma 291 oliif dhaabbiin carraan hojii uumameera. - ENA Afaan Oromoo
Magaalichaatti bara bajataa darbe lammilee kuma 291 oliif dhaabbiin carraan hojii uumameera.

Adoolessa 10/2016(TOI) -Magaalaa Finfinneetti bara bajataa darbe lammilee kuma 291 oliif dhaabbiin carraan hojii uumamuu Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee beeksisan.
Manni Maree magaalaa Finfinnee bara hojii 3ffaa yaa'ii idilee 4ffaa taa'a jira.
Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee yaa'icharratti argamuun gabaasa raawwii karoora bara 2016 dhiheessaniiru.
Gabaasa isaaniin bulchiinsi magaalichaa damee barnootaa, fayyaa, carraa hojii uumuu fi dameelee hawaasummaa biroo irratti hojiiwwaan jiraatota magaalichaa fayyadamoo taasisan hojjechuu himaniiru.
Sadarkaa manneen barnootaa fooyyesuun humna baratoota keesumeessuu guddisuu, tajaajila yaala fayyaa daa'immaanii fi haadholii fooyyeesuu akkasuma waliin gahinsa bal'isuurratti hojiin jajjabeessaan hojjetameera jedhaniiru.
Dabalataan bara bajata darbe dameelee hojii adda addaarratti lammilee kuma 300 oliif carraa hojii dhaabbiin uumuuf karoorfamee lammilee kuma 291 fi 577'f carraa hojii dhaabbiin uumuu danda'amuu ibsaniiru.
Lammilee carraan hojii uumameef keessaa dhibbeentaan 49 tuqa 3 damee tajaajilaarratti, dandala irratti dhibbeentaa 19 tuqa 1, Manufaakcharinigiirratti dhibbeentaa 17 tuqaa 5, qonna magaalarratti dhibbeentaa 9 akkasuma ijaarsa irratti dhibbeentaa 5 carraa hojii uumuun danda'amu gabaasa isaaniin eeraniiru.
Magaalichaatti hirmaannaan dubartoota gama hundaan dabalaa jirachuu himanii; hojii carraa hojii uumuu keessaattis dhibbeentaan 51 dubartoota akka ta'e himaniiru.
Bara bajata darbe kana intarpiraayizoota dhuunfaa kuma 7 fi 539 tajaajila liqaa birrii biliyoona 2 tuqaa 5 fayyadamoo taasisuundanda'amuus eeraniiru.
See insights and ads
Like
Comment
Send
Share