Baratoonni kutaa 12ffaa saayinsii uumamaa baratan qormaata biyyaalessa kutaa 12ffaa qorama jiru

Adoolessa 9/2016(TOI) - Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti baratoonni kutaa 12ffaa saayinsii umamaa baratan qoramata biyyaalessaa kutaa 12ffaa karaa onlaayinii fi waraqaa qoramaa jiru.

Haala qormaatichi itti qoramaa jiru Yuunivarsiitii Finfinneetti pirezidaantii eeggataa kan ta'an doktar Saamu'eel Kifilee, hogganaan biiroo barnoota magaalaa Finfinne doktar Zalaalam Mulaatuu fi hoggantoonni biroon Yuunivarsiitii Finfinneetti argamuun daawwataniiru.

Baratoonni saayinsii uumamaa kan kutaa 12ffaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa Adoolessa 9 hanga adoolessa 11/2016tti kan qoraman ta'uu kanaan dura ibsamuun ni yaadatama.

Baratoonni kutaa 12ffaa kan saayinsii hawaasaa baratan immoo torban darbe qormaaticha qoramuun xumuruun ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015