Oromiyaatti human hoggansa dhaabbilee fayyaa cimsuun kennisa tajaajiala dhaabbilee fayyaa foyyesuuf xiyyeeffannoon kennameera. - ENA Afaan Oromoo
Oromiyaatti human hoggansa dhaabbilee fayyaa cimsuun kennisa tajaajiala dhaabbilee fayyaa foyyesuuf xiyyeeffannoon kennameera.

Adoolessa 5/2016(TOI) - Naannoo Oromiyaatti rakkoo kennisa tajaajila dhaabbilee fayyaarratti mul'atu foyyesuuf humna hoggansa dhaabbilee fayyaa cimsuuf xiyyeeffannoon hojjetamuuf akka jiru Biiroon Fayyaa naannichaa beeksise.
Biirichi ministeera fayyaa waliin ta'uun innooveshinii fayyaa qindaa'e, hogansa milkaa'aa damichaa fi kallattii tajaajila akirditeeshiinii fayyaa irratti magaalaa Adaamaatti qooda fudhatoota waliin mari'ata jira.
Itti aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa obbo Darajjee Abdinnaa sirna banisa foramichaarratti; qulqullina kennisa tajaajila fayyaa foyyesuuf xiyyeeffannoon hojjetama jira.
Biirichi dhaabbilee fayyaa babal'isuun cinaatti galteewwan waldhaansa fayyaaf balbachisan guutuu fi tajaajila fooyyesuurratti xiyyeeffannoon hojjecha jira jedhaniiru.
Hojiirra oolmaa rifoomii fayyaa, bu'a qabeesummaa kallatti qulqulinaa tajaajila fayyaa irratti hojjetama jiru jedhaniru.
Hojiiwwan hojjetama jiraniin milkaa'inoonni argamaa jiratanis ammaas hawaasni dhaabbilee fayyaatti haala barbaadamuun tajaajila argachaa akka hin jirre eeranii keessattu imoo dhaabbilee fayyaa haraawwa ta'an keessaatti rakkoon kun ni cima jedhaniiru.
Rakkoo kana furuuf humna hoggansa kennuu hoggantoota dhaabbilee fayyaa kanneeniirratti xiyyeeffannoon kenname jira jedhaniiru.
Ministeera fayyaatti daarektarri fooyya'insa sirna fayyaa doktar Abbaas Hasan gama isaaniin dhaabbileen fayyaa sadarkaa 1ffaa qulqullina tajaajila fayyaa bu'uuraa mirkaneesuu qabu jedhaniiru.
Fooyya'insa kanaaf immoo hoggansi murteessadha jedhaniiru.