Naannoon ummattoota Itiyoophiyaa Kibba Lixaa Buna meetiriik toonii kuma 54 fi 795 gabaa jiddugaleessaaf dhiheesse

Adoolessa  05/2016(TOI)-Bara bajataa xumurame naannoon ummattoota Itiyoophiyaa Kibba Lixaa Buna dhiqamee fi hindhiqamne meetiriik toonii kuma 54 fi 795 gabaa jiddugaleessaaf dhiheessuusaa beeksise.

Bulchaan bulchiinsa naannichaa Injiinar Nagaash Wageeshoo odeeffannoo fuula marsariitiisaaniirratti baasaniin, dhiheessiin waliigalaa kun kan bara darbee  yeroo walfakkaataa harka 28 akka caalu ibsaniiru.

Kunuunsi oyiruu bunaa fooyya’aa dhufe, jiddugaleessi dhamdhama buna fi sartafikeeshiniin naannichatti hojii jalqabuunsaa, to’annaan daldala kontirobaandii cimuunsaa fi hudhaaleen daldalarratti mudachaa turan furamuunsaanii guddina oomishaaf gumaacha akka taasise eeraniiru.

Bara bajataa 2017ttis buna qulqulluu gabaaf dhiheessuuf dandeettii fi kaka’umsa caaluun hojjechuun akka barbaachisu bulchaa bulchiinsichaa hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015