Sosochii 'Itoophiyaa qulqulluuf' waamicha yeroo taasifnu lammileen keenya kaka'umsa guddaan hojii isaarratti hirmaataniiru - ENA Afaan Oromoo
Sosochii 'Itoophiyaa qulqulluuf' waamicha yeroo taasifnu lammileen keenya kaka'umsa guddaan hojii isaarratti hirmaataniiru

Adooless 4/2016(TOI) - Sosochii 'Itoophiyaa qulqulluuf' waamicha yeroo taasifnu lammileen keenya kaka'umsa guddaan hojii isaarratti hirmaataniiru jedhan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii qoodaniin; Kayyoon keenya guddaan naannaawwaa keenya hawwataa taasisuu fi aadaa mana fincaaniitti fayyadamuu keenya bu'uurarraa akka cimu gochuu ture jedhaniiru.
Har'a hojii gatiin hin madaalamne kan lammileen keenya ijaaran bakka itti ijaaranitti argamuun gamaggamneerra jedhaniiru.
Meeshaalee qulqullina olaanaa qabanii fi yeroo dheeraa turan fayyadamuun manneen fincaanii sadarkaa isaanii eeggatan ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjecha jirras jedhaniiru.
Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad ergaa isaaniin hojiin kun kan jalqabaati jedhaniiru. Deeggarsa isiin nuuf taasistaniin hojiilee jalqabne caalaatti ni babal'ifana jedhaniiru.