Hojiin misooma kooriidaraa Araat kiiloo-Qabbannaa-embaasii Keeniyaa xumuramuusaa ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad beeksisan

Adoolessa 01/2016(TOI)- Hojiin misooma kooriidaraa Araat kiiloo-Qabbannaa-embaasii Keeniyaa xumuramuusaa ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad beeksisan.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin hojiin misooma kooriidara Araat kiiloo-Qabbannaa-embaasii Keeniyaa xumuramuusaa  ibsanii, naannawa kana magariisa uwwisuun hojiin hojjetame ifatti mul’ata jedhan.

Torbeewwan darban miidhagina galgalaa dinqisiifannee har’ammoo mul’ata barii misooma kooriidaraan argineerra jedhan.

Milkaa’ina kanaaf bulchiinsa magaalaa hojii kanarratti hirmaatee fi seektara dhuunfaa fedhii guutuun hirmaatan galateeffanneerra jedhan ministirri muummee.ergaa dabarsaniin.

Hanqina bakka konkolaataan dhaabatu furuuf paarkiingii ijaarreerra jedhan.

Daandiin lafoos bal’atanii hojjetamuusaanii ibsaniiru.

ይaadaa kana kunuunsuu fi guddisuun nibarbaachisa kan jedhan ministirri muummee Abiyyi, waan haaraa kan eegnu ta’uu qabna jechuun hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015