Hunda caalaa Itiyoophiyaaf nageenyi nibarbaachisa-Obbo Binnaalf Andu’alem - ENA Afaan Oromoo
Hunda caalaa Itiyoophiyaaf nageenyi nibarbaachisa-Obbo Binnaalf Andu’alem

Waxabajjii 30/2016 (TOI)-Mata duree ”nageenyi hundaaf, hundi nageenyaaf” jedhuun fiigichi nageenyaa biyyaalessaa Finfinneetti adeemsifameera.
Dorgommiin fiigicha nageenyaa mata duree ”nageenyi hundaaf, hundi nageenyaaf " jedhu ministeera nageenyaa fi qaamolee tumsitootaan qophaa’e.
Ministirri nageenyaa Binnaalf Andu’alem , Kantiibaa magaalaa Finfinnee adde Adaanech Abeebee dabalatee hooggantoonni olaanoo mootummaa, atileetonni beekamoo fi dippilomaatonni biyyoota addaddaa Finfinneetti argaman dorgommicharratti argamaniiru.
Ministirri nageenyaa obbo Binnaalf Andu’alem wayita kana hunda caalaa Itiyoophiyaaf nageenyi nibarbaachisa jedhan.
Kaayyoon fiigicha nageenyaa kun fedhii nageenyaaf qabnu dabaluufi jechuun ibsaniiru.
Nageenyi bu’ura waan hundaa waan ta’eef hundi keenya nageenyaaf karaa nageenyaa tumsuu qabna jedhan.
Milkaa’inoonni Itiyoophiyaan gama hundaan galmeessisaa jirtu itti fufsiisuuf nageenyi baa’yee barbaachisaadha jedhan.
Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee gamasaaniin nageenyi magaalaa keenyaa kan eegame hojiin nageenyaa ummanni itti hirmaate waan hojjetameefi jedham.
Kanaaf nageenya kana egereef ittifufsiisuuf namni hundi qooda tgumaachaa jiru cimsee ittifufsiisuu akka qabu hubachiisaniiru.
Lammiileen guutuu Itiyoophiyaa keessatti argaman kan miiliyoonaan lakkaa’aman dorgommii fiigicha biyyaalessaa daandiirraa irratti hirmaataniiru.
Dorgommichi har’a Finfinnee, Dirreedawaa fi magaalaalee muummee kanneen biro keessatti adeemsifamaa jira.
Kaayyoon fiigicha kanaa waa’ee nageenyaa hubannoo uumuun lammiileen nageenya egereef ittigaafatamasaanii bahuu akka qaban hubachiisuufi.