Tamsaasa Kallatti:

Dhiibbaa liqaa salphisuuf hojiin guddaan hojjetameera – Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad

Waxabajjii 27/2016(TOI) - Ministirri Muummee Doktar Abiyy Ahimad dhiibbaa liqaa salphisuuf hojiin guddaan hojjetameera jedhan.

Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa yaa’ii idilee 36ffaa bakka Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeessaa jira.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad gaaffilee miseensonni mana marichaa kaasaniif deebii kennaa jiru.

Deebii fi ibsa isaanii keessatti dhiibbaa liqaa biyyattii salphisuuf hojiin guddaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

 Bara bajataa kana keessatti Itiyoophiyaan rakkoolee sadarkaa idil-addunyaatti mudatan irra aanuun qormaata ishee mudate gara carraatti jijjiirtee damee hundaan milkaa’ina guddaa galmeessitee jirti jedhan.

Dhiibbaa liqaa salphisuuf hojiin guddaan hojjetamaa jiraachuu miseensota mana marichaaf ibsaniiru.

Ba’aa liqaa amma qabnu gara oomisha waliigalaa biyya keessaa dhibbeentaa 17 tuqaa 5tti hir’isuun danda’ameera caalaatti gara dhibbeentaa 10tti hir’isuuf hojjechaa jirras jedhan.

 Sassaabbii galii ilaalchisee, mootummaan ji’oota 11 darbanitti Birrii biiliyoona 466 walitti qabuu danda’eera jedhan.

Kunis karoora karoorfameen wal bira qabamee yoo ilaalamu raawwii harka 96 kan qabu yoo ta’u, Uwwisa oomisha waliigalaa biyyoolessaa Itiyoophiyaan qabdu waliin yoo ilaaalamu harka 7 qofa ta’uu ibsaniiru.

Kun agarsiiftuu jabaa gibira dhoksuun jiraachuu ta’uu ibsuun, mootummaan haaromsa adda addaa taasisuun galii fooyya’aa sassaabuuf hojjechaa jiraachuu fi tattaaffii kana keessatti lammiileen deeggaruu akka qaban dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015