Damee oomisha Industiriin guddinni harka kudhanii ol galmaa’e –Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad

Waxabajjii 27/2016(TOI) - Bara baajataa xumurame kana industirii oomishaan guddinni harka 10 caalu galmaa’uusaa ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad himan.

Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa 6ffaan bara hojii  3ffaan yaa'ii idilee 36ffaa gaggeessaa jira.

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad, gaaffilee adda addaa miseensonni mana maree kaasaniif deebii fi ibsa kennaa jiru.

Ministirri Muummee ibsa kennaniin bara baajataa darbe keessa milkaa’ina Itiyoophiyaan galmeessite keessaa tokko damee oomisha industirii ta’uu ibsaniiru.

Sochii Itiyoophiyaan haa oomishtuu jedhu dabalatee oomishtummaa damichaa guddisuuf tarkaanfiiwwan fudhataman irraa kan ka’e bara kana damee oomishaa keessatti milkaa’inni guddaan argameera jedhan.

Dameen kun bara darbe waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu guddina dhibbeentaa 10 tuqaa 1 galmeessuus eeraniiru.

 Bara kana warshaaleen 390 hojiitti galuu isaaniis yaadachiisaniiru.

Naannoo Tigraayitti warshaaleen 217 hojiitti deebi’uu ibsanii, Walumaagalatti oomishtummaan warshaalee dabaluu isaatiin oomishaalee bakka bu’oo fi oomishaalee al-ergii irratti bu’aa guddaan akka galmaa’e ibsaniiru.

Warshaalee simintoo turan keessatti daballiin oomishaa harka 30 galmaa’uu eeruun warshaan simintoo haaraan Lammii jedhamu oomisha simintoo biyyaalessaa amma jiru harka 50 qooddatu yeroo dhiyootti akka eebbifamus ibsaniiru.

Deeggarsi mootummaan damee kanaaf taasise oomishtummaa industiriiwwaniif gargaarsa guddaa akka taasises ibsaniiru.

Paarkiiwwan industirii oomishtootaaf dhiyeessuu bira darbanii naannoo daldala bilisaa cimsuun fedhii invastimantii olaanaa fidaa jiraachuu isaaniis eeraniiru.

Guddina bara kana argame itti fufsiisuun diinagdee saffisaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuun akka danda’amus eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015