Naannoo Itiyoophiyaa Kibbaatti Intarpiraayizoota bu’a qabeessa ta’aniif beekamtiin kenname - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Itiyoophiyaa Kibbaatti Intarpiraayizoota bu’a qabeessa ta’aniif beekamtiin kenname

Waxabajjii 26/2016(TOI)- Naannoo Itiyoophiyaa Kibbaatti Intarpiraayizoota damee addaddaarratti bobba’anii bu’a qabeessa ta’aniif beekamtiin kennameef.
Bulchaan bulchiinsa naannichaa obbo Xilahuun Kabbadaa waldaalee fi Intarpiraayizoonni beekamtiin kennameefii fi cehan fuuldura damee Kanaan bu’aa caalu galmeessisuun akka danda’amu agarsiisaniiru jedhan.
Kaayyoon waltajjii kanaa gaabbii fi xiiqii uumuudha kan jedhan bulchaan bulchiinsaa kun, waldaalee fi Intarpiraayizoonni beekamtiin kennameef fuuldura qabeenya fooyya’aa akka uuman akkasumas dhaabbileen deeggarsa taasisanis hojii cimaa akka raawwatan gochuuf ta’uu himaniiru.
Caasaaleen godininaaleetti argamanis waldaalee fi intarporaayizoota kanneeniif iddoo hojii fi gurgurtaa akkasumas walitti hidhamiinsa gabaa uumuun deeggarsa qindaa’e gochuu akka qaban ibsaniiru.
Waldaalee moodelaa, intarpiraayizoota, tajaajila jiddugaleessa tokkoo, carraa hojii uumuu fi qajeelchitoonni misooma intarpiraayizootaa akkasumas kanneen sadarkaa cehumsaa taasisan bara bajataa 2016 naannichatti raawwii fooyyee galmeessisaniif beekamtiin kennameera.
Qajeelchi misooma carraa hojii uumuu fi intarpiraayizootaa naannichatti argaman 12 keessaa godinni Walaayittaa 1ffaa, godinni Gaamoo 2ffaa akkasumas godinni Geedi’oo 3ffaa bahuun badhaafni Waancaa, Waraqaa raga fi kompiitaraa akka kennameef odeeffannoon komunikeeshinii naannichaarraa argame nimul’isa.