Ramaddiin Hooteloota abbaa urjii sadarkeessuu bifa haaraan hojjetamuufi jedhame - ENA Afaan Oromoo
Ramaddiin Hooteloota abbaa urjii sadarkeessuu bifa haaraan hojjetamuufi jedhame

Waxabajjii 26/2016(TOI) - Ramaddiin Hooteloota abbaa urjii sadarkeessuu bifa haaraan hojjetamuufi akka Jiru Ministeerri Turizimii beeksise.
Ministeerichi ramaddii hooteloota abbootii urjii sadarkeessuu bifa haaraan hojjetamuuf jiru ilaalchisee abbootii qabeenyaa, hoji geggeesitootaa fi qaamolee qooda fudhatootaa biroo waliin mari'ataa jira.
Akka marii kanarratti ibsametti sadarkaan urjii hootelootaaf kanaan dura kenname ji'a Fulbaanaan booda hojiirra hin oolu.
Dambii ramaddii sadarkeessa dhaabbilee tajaajila kennisa turistiin Hoteeloonni waggaa saditti ramaddii sadarkeessaa irra deebiin darbuu akka qaban tumameera.
Haaluma kanaan wajjirri ministirichaa magaalaa Finfinnee fi magaalota naannoleetti hoteloota argaman irratti madaalli sadarkeessuu taasisuuf qophii xumuruu beeksiseera.
Ministirri Turizimii ambaasaaddar Naasisee Caalii madaalli sadarkaa yeroo ammaa irra deebiin taasifamu hoteloonni hin dabarree sadarkaan urjii kanaan dura kennameef akka seeraatti yeroon tajaajila isaan waan xumurameef sadarkaan urjii isaa ni haqama jedhaniiru.
Kayyoon ramaddii kanaa inni guddaan hoteloonni tajaajiloota kennaan akka fooyyessanii fi dorgommii tajaajila turizimii biyyatti guddisuu kan bu'uureffatedha jedhaniiru.