Ji'oota 11 darban mi'eesituu gabaa alaatti ergamerraa galiin doolaarri miliyoonni 7.5 argameera

Waxabajjii 19/2016(TOI) - Ji'oota 11 darban mi'eesituu gabaa alaatti ergamerraa galiin doolaarri miliyoonni 7.5 argamuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayee Itoophiyaa beeksise.

Daarektarri olaanaa Abbaa taayiticha doktar Addunyaa Dabalaa; Itoophiyaatti mi'eesituuwwaan gosa garaa garaa 50 ol kan oomishaman ta'u himanii kana keessaas mi'eesituuwwaan 16 gabaa alaaf kan dhihaatan ta'uu eeraniiru.

Mi'eesituuwwaan kanneen keessaa Kororimaa, Irdii, 'Qondoo Barbaree' fi Barbareefaan kan eeramanidha jedhaniiru

Omishinni mi'eesituuwwan kanaas biyyoota adda addaa39'tti kan argaman ta'uu himaniiru.

Bara bajata kana ji'oota 11 keessaatti mi'eesituuwwaan toonii kuma 8 fi 400 gabaa biyyoota adda addaatti erguun galiin doolaarri miliyoonni 7.5 argamuu ibsaniiru.

Raawwiin isaas kan bara darbee yeroo wal fakkataan yoo madaalamu toonii kuma 2 caalmaa kan qabu ta'uu himaniiru.

Mi'eesituudhaaf adeemsi sadarkaa baasuu waan hin ammayyoofneef akkasuma sadarkaa dhaabbataatti laabiraatoriin dhabamuun Itoophiyaan hunda damee kanaan qabdu haala gituun fayyadamtuu akka hin taane gufuu ta'uu himaniiru.

Oomishinni Mi'eesituu kanaan tura tarsimoo waan hin qabneef gara fuura duraatti rakkoowwan kana furuuf tarsimoon qophaa'eefii hojjetama jira jedhaniiru.

Waggaa dhufu galii caalmaa qabu damee kanarra argachuuf qulqullinaa fi madaalli sirna laabiraatorii akirditeshinii akka qabaatu Ministeera daldalaa waliin walitti dhufeenyaan hojjetama jira jedhaniiru.

Dureeyyoonnis damee oomisha mi'eesituurratti bal'inaan bobba'anii akka hojjetan waamicha dhiheessaniiru.

May be an image of 1 person, newsroom, dais and text

See insights and ads

Boost post

Like

Comment

Send

Share

 
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015