Guyyoota kurnan dhufan naannaawwaa rooba gannaa argatanitti hangi roobaa ni dabala - ENA Afaan Oromoo
Guyyoota kurnan dhufan naannaawwaa rooba gannaa argatanitti hangi roobaa ni dabala

Waxabajjii 14/2016(TOI) - Guyyoota kurnan dhufan naannaawwaa biyyatti rooba gannaa argatanitti hangi roobaa kan dabalu ta'uu Instiititiyutiin Metirolojii Itoophiyaa beeksise.
Naannaawwaa tokko tokkootti jiidha cimaa mudatuu fi lolaan oomishoota gahan irraaan miidhaa akka hin geesifne ofeeggannoon dursaa akka taasifamu hubachiiseera.
Instiititiyutichi kana kan beeksise ibsa haala qilleensaa Waxabajjii 14/2016 irraa eegalee guyyoota kurnan dhufan jiraatu ilaalchisuun TOI'f ergeeni.
Guyyoota kurnan dhufan naannawwaa Rooba gannaarra fayyadamoo ta'an keessaa Lixa, Kibba lixaa, jiddugaleessa, Baha fi kaaba Itoophiyaatti roobni gahaan ni rooba jedheera.
Haaluma kanaan Iluu Abbaa Booraa, Harargee, Arsii, Shawaa, Gondor, Walloo,Goojjam, naannoo Tigiraay, Beenishaangul Gumuz, Gambeellaa bakka hedduutti roobni hangaan guddaa ta'e kan roobu ta'uu ibseera.
Haaluma walfakaatuun Naannolee Jiddugaleessa Itoophiyaa, Uummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa, Sidaamaa, Hararii akkasuma Dirre Dawaa roobni cimaan kan roobu ta'uu insititiiyutichi ibseera.
Harargee Lixaa, Baalee, Baalee bahaa , Boorana, Gojii, Ereer Jaarir, Nogobii, Afdeer, Liibaan daawwaa, Qibultii, Faantii, Awusii, Harii, OOmoo Kibbaa, Gambeellaa godina Nuweerii fi Itaangii immoo rooba salphaa ni argatu jedheera.
See insights and ads
Like
Comment
Send
Share