Tamsaasa Kallatti:

Dhaabbileen barnootaa birrii miiliyoona 200 caaluun magaalaa Daseetti ijaaraman tajaajilaaf qophaa’an

Waxabajjii 07/2016(TOI)- Dhaabbileen barnootaa birrii miiliyoona 200 caaluun magaalaa Daseetti ijaaraman tajaajilaaf qophaa’aauusaanii qajeelchi barnootaa bulchiinsa magaalichaa ibse.

Magaalaa Daseetti dhaabbilee barnootaa babal’isuun, sadarkaasaanii fooyyessuu fi galtee guutuun qulqullina barnootaa eegsisuuf carraaqqiin taasifamuusaa hoogganaan qajeelcha barnootaa obbo Fiqir Ababaa TOItti himaniiru.

Kan hojjetaman keessaa mana barnootaa sadarkaa lammaffaa tokko, manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa toorba xumuramanii tajaajilaaf qophii tasifamuu eeraniiru.

Manneen barnootaa kunneen daree barnootaa 30 fi gamoowwan tajaajila kennan biroo hammachuun akka ijaaraman himanii, barattoota kuma afur darabeedhaan barsiisuu nidanda’u jedhaniiru.

Dabalataanis manneen barnootaa moofa’an haaromsuun fi sadarkaasaanii fooyyessuun xiyyeeffannoon hojjetamuu eeranii, ijaarsa kanaaf hirmaannaan ummataa guddaa ta’uu himaniiru.

Magaalaa Daseetti jiraataan kutaa magaalaa Hoxee obbo Baayyee Yimar yaada kennaniin, manni barumsaa sadarkaa tokkoffaa fi jiddugaleessaa Tigil Firee dulloomuun miidhaan irra gahee akka ture dubbataniiru.

Yeroo ammaa sadarkaasaa eeggatee waan hojjetameef barumsaaf haala mijataa uumuusa eeranii, nuhis humnaa fi maallaqa keenyaan qooda keenya baaneerra jedhan.

Barattuun kutaa jahaffaa mana barumsichaa Samiiraa Sayid manni barumsaa keenya fooyya’ee bifa haaraan hojjetamuusaatti gammadeera jetteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015