Tamsaasa Kallatti:

Bu'aawwan gama dinagdee fi kanneen biroon argaman mootummaan waan waadaa gale gochaan raawwachaa jirachuu kan mul'isudha

Waxabajjii 5/2016(TOI) -Bu'aawwan gama dinagdee fi kanneen biroon argaman mootummaan waan waadaa gale gochaan raawwachaa jirachuu kan mul'isan ta'uu Sadarkaa Itti aanaa Ministira Muummeetti hogganaan qindeessaa jiddugala sirna dimokraasii Adam Farahaa beeksisan.

Bara bajatichaatti raawwiin hojii guyyoota 100 inni xumuraan bakka ministirri muummee doktar Abiy Ahimad argamanitti gamagamameera.

Sadarkaa Itti aanaa Ministira Muummeetti hogganaan qindeessaa jiddugala sirna dimokraasii Adam Farahaa gamagama kana ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniinis Paartiin biyya bulchaa jiru filannoo biyyaaleessaa 6ffaa irratti galmoota uummataaf waadaa gale hojiirra oolchaa jira jedhaniiru.

Galmoota Paartichaan kaa'aman galmaan gahuuf kan bara kanaa dabalatee yeroo yeroon raawwiin isaanii gamagamaa jirachuu himanii kanaanis waan waadaa galame qabataaman galmaan gahamaa jirachuun ibsameera jedhaniiru.

Akka fakkeenyattis mootummaan Itoophiyaa biyyoota Afrikaa dingdeen isaanii guddate 5 keessaa tokko taasisuuf uummataaf waadaa kan gale ta'uu yaadachiisanii; kanas gochaan qabatamaan agarsiisuun danda'amuu himaniiru.

Yeroo gabaabaa keessaatti oomisha walii galaa biyyaa doolaara biliyoona 205'n gahuun dachaan guddisuun danda'amuu eeraniiru.

Damee qonnaan lafa heektaara miliyoona 3 misoomsun oomisha kumtaala miliyoona 100 dabaluun oomishitummaa dabaluun danda'amuus eeraniiru.

Damee indatiriin sooschii Itoophiyaan haa oomishituu dabalatee hojiiwwaan damicharratti hojjetaman biroon indatiriiwwaan kanaan dura turan humna guutuun kan gara oomishaatti galan yoo ta'u haaraanis gara oomishaatti akka galan ta'ee jira jiedhaniru.

 

 

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015