Godina Gujiitti bara oomishaa Arfaasaa kana lafti heektaarri kuma 285 caalu sanyiin facaafameera - ENA Afaan Oromoo
Godina Gujiitti bara oomishaa Arfaasaa kana lafti heektaarri kuma 285 caalu sanyiin facaafameera
Waxabajjii 05/2016(TOI)- Godina Gujiitti bara oomishaa Arfaasaa kana lafti heektaarri kuma 285 caalu sanyiin facaafamuusaa waajjirri qonnaa godinichaa ibse.
Godina Gujii Lixaa fi naannawasaatti walakkeessa Bitootessaarraa amma xumura Eblaatti waqtii roobaa fi facaasaa Arfaasaa akka ta’e nibeekama.
Ittaanaan waajjira qonnaa godinichaa obbo Ayyaanoo Alamaayyoo akka jedhanitti godinichi akka naannoo Oromiyaatti loon baay’inaan kan itti horsiifaman keessaa isa tokkodha.
Jiraattonnis loon horsiisuun cinaatti qonnis baramaa dhufeera jedhan.
Haala Kanaan lafti barana sanyiin facaafame karoorarraa dhibbantaa 74, kan bara darbeerraa ammoo heektaara kuma 85 fi 770 caalmaa akka qabu kaasaniiru.
Aanaalee godinichaa hundatti lafti heektaara kuma 285 fi 900 irra Ruuzii, Boqqoolloo, Garbuu, Qamadii, Xaafii, misingaa, Maashoo, Saliixii fi midhaan biroon facaafamuu ibsaniiru.
Kana keessaa lafti heektaara kuma 43 fi 370 caalu qamadiin facaafamuu beeksisaniiru.
Oomishtummaa facaasaa Arfaasaa guddisuuf xaa’oon kuntaala kuma 62 ol hojiirra oolfamuu eeraniiru.
Godinichatti lafa sanyiin facaafamerraa oomishni kuntaala miiliyoona 5 argachuuf akka karoorfame himaniiru.
Qonnaan bultoonni kuma 211 hojii Arfaasaarratti hirmaachuusaaniis ibsaniiru.
Kanneen keessaa jiraataan aanaa Galaanaa ganda Qoree obbo Jambaruu Adaanaa tokkodha.
Oomisha waggoota darbe hanqina roobaan dhaban bakka buusuuf waqtii Arfasaa kana lafa heektaara 4 facaasuusaanii ibsaniiru.
Lafa qopheessan kanarra irra caalaa Boqqoolloo, kan hafe ammoo qamadii facaasuusaanii dubbataniiru.
Kanaafis oomisha kuntaala 200 walitti qabuuf karoorfachuu ibsanii, yeroo ammaa hojii kunuunsaa hojjechaa akka jiran dubbataniiru.
Jiraataan aanichaa fi gandichaa kan biraan obbo Jaarsoo Guyyee gamasaaniin lafa heektaara 3 oomisha Arfaasaaf qopheessanirra Boqqoolloo, Xaafii fi Boloqqee facaasuusaanii ibsaniiru.
Roobni gaariin waan jiruuf oomisha Arfaasaarraa oomisha gaarii akka eegan ibsaniiru.
Oomishasaanii guddisuuf qorsa ogeessota qonnaa fudhachuun tooftaa sararaan facaasuu fi guutummaatti xaa’oo uumamaa fayyadamuusaanii eeraniiru.