Waltajjiin maree qooda fudhattootaa tajaajila sanada mirkaneessuu fi galmeessuu magaalaa Hararitti taa’amaa jira

Caamsaa 28/2016 (TOI)- Waltajjiin maree qooda fudhattootaa tajaajila sanada mirkaneessuu fi galmeessuu lammaffaa biyyaalessaa magaalaa Hararitti taa’amaa jira.

Waltajjiin maree kun mata duree “tajaajilli mirkaneessaa fi galmeessuu sanadaa ammayyaa’e Itiyoophiyaa-dijitaalaaf” jedhuun taa’amaa jira.

Waltajjicharratti qorannoon hojmaata walfakkaataa fi kuusaa odeeffannoo uumuu fi sanadoota sobaa gama ittisuutiin haala naannoleen irra jiran iaarrattitaasifame nidhihaata.

Garaagarummaan hojmaataa sanadoota bakka bu’ummaa fi waldaalee daldalaa mirkaneessuu fi galmeessuurratti jiran dhihaatanii mariin akka taasifamu ni’eegama.

Dabalataanis gabaasni raawwii karooraa baatii sagalii bara bajataa 2016 abbaan alangaa naannoo Hararii waltajjicharratti akka dhihaatu sagantaa baheraa beekuun danda’ameera.

De’eetaan ministiraa haqaa obbo Balaayihun Yirgaa, komishinar jeneraaliin manneen sirreessaa federaalaa koloneel Yeenuus Muluu, daarektarri olaanaa mirkaneessaa fi galmee sanadootaa obbo Hamiid Kinniisoo akkasumas ittaantuun bulchiituu bulchiinsa naannoo Hararii adde Roozaa Umar fi qooda fudhattoonni biroon waltajjii maree guyyaa tokkoof qophaa’e kanarratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015