Bakka bu’oonni qaamolee qooda fudhattootaa ajandaalee qindeessaa jiru

Caamsaa 27/2016(TOI)- Bakka bu’oonni qaamolee qooda fudhattootaa ajandaalee qindeessaa akka jiran komishiniinmaree biyyaalessaa Itiyoophiyaa ibse.

Waltajjiin maree ajandaa walitti qabuu komishinichi magaalaa Finfinneetti qindeessaa jiru har’a guyyaa torbaffaaf ittifufeera.

Bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa, bakka bu’oonni qaamolee mootummaa sadan, bakka bu’oonni waldaalee fi dhaabbilee, bakka bu’oonni paartilee siyaasaa fi namoota dhageettii qabanii,garee shanitti qoodamuun guyyoota darban ajandaasaanii galmeessisaniiru.

Bakka bu’oonni qooda fudhattoota shanirraa filataman ammoo Caamsaa 27 bara 2016 ganama ajandaalee walitti qabaman qindeessaa turaniiru.

Sa’aatii boodammoo ajandaaleen qindaa’an yaa’iif dhihaatanii nimari’atamu.

Ajandaaleen maree Kanaan qindaa’an bu’aa boqonnaa maree magaalaa Finfinnee akka ta’an odeeffannoon komishinicharraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015